Tamsaasa Kallatti:

Murteewwan walgahii Idilee 49ffaa Mana Maree Ministirootaa

Onkoloolessa 4/2018(TOI)- Manni Maree Ministirootaa walgahii  Idilee  49ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen  dhimmoota adda addaarratti marii’achuun murtee dabarseera.

 1. Manni Marichi jalqaba kan mari’ate danbii hundeeffama Komishinii humna Niwukilaara Itiyoophiyaarratti. Komishinichi  biyyi keenya  teekinooloojii  niiwukilarii karaa nagaan hammattoo Idil Addunyaa waliin  karaa wal simeen  waliin gahinsa humna ibsaan, Misooma Idustiriin, wabiinyaataa fi tajaajila fayyaan, Damee Saayinsii fi Qorannoorratti fayyadamauuf tattaaffii taassistu  Itti Gaafatamummaa gaggeessuu fi bulchuu  akka qabaattuuf  ta’ee danbichi  qophaa’ee dhihaateera.  Manni marichi dhimmicharratti  bal’inaan erga marii’atee booda danbichi gaazexaa magalataarratti  erga maxxanfamee eegalee  hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseerra.

2. Manni marichaa itti aansuun danbii kaffaltii tajaajilaa inistiitiyuutiin teeknooloojii bishaanii kennuuf kaffalamu murteessuuf baherratti mari’ateera. Dhaabbatichi kaffaltii tajaajiloota qu’annaa, cehumsa teeknooloojii, leenjii qabatamaa fi gorsaa fi tajaajiloota Ispeeshaalaayizid Laaboraatoorii gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuun baasii hunda danda’ee galii keessaa guddisuu akka danda’u danbiin kaffaltii tajaajilaa qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas dhimmicharratti erga mari’atee booda danbiin kun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfame eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

3. Xumura irrattis manni marichaa danbii waajjira fandii deebii yaaddoo balaa Itiyoophiyaa  hundeessuu fi ammantaa galii fandii walitti qabamuu murteessuuf baherratti mari’ateera. Waajjirri fandii deebii yaaddoo balaa Itiyoophiyaa lakkoofsa labsii 1386/2017’n kan hundaa’e fandii deebii yaaddoo balaa bulchuuf kan hundeeffamu yoo ta’u ammantaa fandii galii walitti qabamu murteessuuf akka danda’amu danbiin kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas dhimmicharratti bal’inaan erga mari’atee booda danbichi guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015