Naannoo Oromiyaatti gaaffilee bulchiinsa gaarii fi misoomaa ummataa deebisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti gaaffilee bulchiinsa gaarii fi misoomaa ummataa deebisuuf hojjetamaa jira

Onkoloolessa 4/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti hojiileen gaaffilee bulchiinsa gaarii fi misoomaa ummataa deebisuuf dandeessisan hojjetamaa jiraachuu pirezidaantiin naannichaa Shimallis Abdiisaa dubbatan.
Pirezidaantii naannichaa dabalatee af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abduraahimaan, Itti aanaan pirezidaantii obbo Awwaluu Abdii fi paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannichaa obbo Kaffiyaaloo Tafarraa bakka argamanitti gamaaggamni raawwii karooraa mootummaa fi Paartii kurmaana jalqabaa bara 2018 naannichaa gaggeeffamuu eegaleera.
Pirezidaantiin naannichaa Shimallis Abdiisaa baniinsa waltajjii gamaaggamaarratti dubbii dubbataniin, hooggansi naannichaa milkaa’inoota argamaniin osoo hindagatiin ergama itti aanu sirnaan raawwachuun gaaffilee misoomaa ummataa deebisuuf qophaa’uu qaba jedhaniiru.
Daneettiin raawwachuu fi raawwachiisuu hooggansa naannichaa waggoottan darban guddachaa waan dhufeef fayyadamummaan hawaasummaa fi dinagdee ummataa guddachaa dhufuu ibsaniiru.
Keessumaa inisheetiivonni misoomaa mootummaa naannichaan bocamanii akkaataa karoorfameen bu’a qabeessa akka ta’an tumsi cimuu akka qabu himaniiru.
Hojii misoomaan cinaatti kenniinsi tajaajilaa gandarraa eegalee haqa qabeessaa fi si’ataa akka ta’u hojiileen eegalaman akka bal’atan nitaasifama jedhaniiru.
Waltajjii har’a eegalameen hojiilee gaaffilee bulchiinsa gaarii, hawaasummaa fi dinagdee haala fooyya’een deebisanirratti nimari’atama jedhaniiru.
Dandeettii ummataa fi mootummaa qindeessuun misooma hawaasummaa fi dinagdeef gama oolchuutiin hojiileen hojjetamanii fi kallattiin fuulduraa xiyyeeffannoo waltajjichaa ta’uu ibsaniiru.
Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo Oromiyaa obbo Kaffiyaaloo Tafarraa gamasaaniin, raawwiin kurmaana waggaa jalqabaa boqonnaa qophiirraa eegalee bu’aaleen qabatamaan kan itti argamedha jedhaniiru.
Nageenya naannichaa gama cimsuutiin caasaa nageenyaa sadarkaa sadarkaan cimsuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaanis nageenya cimsuun akka danda’ame dubbataniiru.
Gama tajaajila kennuutiinis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob magaalaawwan naannichaa shan keessatti eegalchiisuun kenniinsa tajaajilaa teekinooloojiin deeggaruun haqa qabeessaa fi si’ataa gochuuf tattaaffiin taasifameera jedhan.
Waltajjii har’a eegalameenis hanqinoota jiran gamaaggamaa fi sirnaan adda baasuuf kallattii fuulduraa kan keenyu ta’a jedhaniiru.