Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni gurguddoon biyyoolessaa kabajaa fi jaalala Alaabaan guddatanii akka dhugoomaniif dirqama  ogummaa keenyaa cimsina

Onkoloolessa 3/2018(TOI)- Pirojektoota gurguddoo akka  biyyaatti qabaman  kabajaa fi jaalala Alaabaan guddatanii akka dhugoomaniif dirqama  ogummaa saanii  akka cimsan  hoggantoonnii fi ogeessonni Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Mirkaneessan.

Hoggantoonnii  fi ogeessonni TOI  Guyyaa  kabaja Alaabaa Biyyoolessaa 18ffaa  mataduree  “Alaabaan keenya bara gammachuu Guddummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa sabdaneessummaa keenyaaf ,Birmadummaa keenyaa fi  Haaromsa Itiyoophiyaatiif ”  jedhuun Marii paanaalii fi  Sirna Alaabaa boonsuun kabajaniiru.

Hoggantoonnii fi ogeeyyiin guyyaa Alaabaa yeroo kabajan pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti qabaman dhugoomsuuf kabajaa fi jaalala Alaabaan guddaan dirqama ogummaasaani bahuun  ta’uu  ibsaniiru.

Alaabaan keenya Itiyoophiyaanonni Qormaatilee baroota keessa ishee mudate  Injifannoon  darbuun  daangaa  biyyaa eegsisuuf  aarsaa dhiigaa kaffaluun Aasxaa birmadummaa argatan ta’uu dubbataniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan TOI Seyifee Darribee  Itiyoophiyaan  isheerra darbee  Afrikaa kan boonsu  yerootti pirojektoota gurguddoo  biyyoolessaa  dhugomsaa jirtu  kabajnii fi jaalalli Alaabaa caalaatti  guddata jedhaniiru.

Pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman caalaatti tokkummaa cimsuun galmaan gahuuf waadaa keenya haaressuu qabna jedhaniiru.

Hojiiwwan Misoomaa gurguddoon akka biyyaati eegalaman gara duubaatti akka hin deebineef  waliin tumsuu qabna jedhaniiru.

Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Itti AanaanQopheessaa Olaanaa Deeskii Naannoolee  Ballaxaa Adinoo Pirojektoota gurguddoo biyyoolessaa qabaman kabajaa fi jaalaala Alaabaa guddaan  raawwachuuf dirqama ogummaa keenyaa cimnee ni baana jedhaniiru.

Keessumaa jijirama biyyoolessaa booda Itiyoophiyaanonni caalaatti  Tokkummaasaanii Cimsuun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa dhugoomsaniiru jechuun kan kaasan immoo TOItti Itti AanaanQopheessaa Olaanaa Deeskii Naannoolee Habtaamuu Akliiluuti.

Kunis Kabaja Biyyaa fi Alaabaa caalaatti kan guddisuu fi humna ofiin raawwachuu kan argisiisedha jedhaniiru.

Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti  Dursaan garee Qunnamtii Naannoolee Yohaannis Wandiraad   barreeffama ka’umsa marii  yeroo dhiheessan  TOI ergama waliigaltee biyyoolessaa  fi ijaarsa biyyaa gahumsaan bahuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti  Itti Aanaa hojii raawwachiisaa Olaanaa Nagaasii Ambaayee   yaada gudunfaa kennaniin Itiyoophiyaa fi uummannishee Abbootii keenya duriin  Abbaa Alaabaa seenaa  barreeffameeti  jedhaniiru.

Dhaloonni Seenaa Boonsaa Abbootii keenyaa eegee ashaaraasaa kaa’uun carraawwan jiran duguugee fayyadamuu qaba jedhaniiru.

Itiyoophiyaan Afriikaaf akkasumas Addunyaaf seenaa boonsaa kan qabdu  ta’usheen seenaa kana eeguun tursiisuu fi kabaja Alaabaa ol kaasuun dirqama hundaa ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015