Ibsituu birmadummaa fi Sabboonummaa kan ta’e kabaja fi amaanaa Alaabaa keenyaa dhalootaan itti fufsiisuu qabna - ENA Afaan Oromoo
Ibsituu birmadummaa fi Sabboonummaa kan ta’e kabaja fi amaanaa Alaabaa keenyaa dhalootaan itti fufsiisuu qabna

Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Ibsituu birmadummaa fi Sabboonummaa keenyaa kan ta’e kabajaa fi imaanaa Alaabaa keenyaa dhalootaan itti fufsiisuu qabna jechuun Bulchaan Naannoo Affaar Awwal Arbaa ibsan.
Guyyaan Alaabaa 18ffaan mataduree “Alaabaan keenya bara gammachuu Guddummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa sabdaneessummaa keenyaaf, Birmadummaa keenyaa fi Haaromsa Itiyoophiyaatiif” jedhuun Magaalaa Samaraatti kabajameera.
Sirna Kabajaarratti Bulchaan Naannichaa Awwal Arbaan seenaa abbootii keenyarraa fuune tursiisuu fi walitti qabuuf Alaabaan keenya kan ittiin adda baanu ta’ee tajaajilaa kan dhufe, ibsituu kabajaa fi sabboonummaati jedhaniiru.
Alaabaa keenya Ibsituu sabboonummaa fi birmadummaa kan ta’e dhalootaan itti fufsiisuu qabna jedhaniiru.
Hojii Misooma amma biyya keenyatti raawwatamaa jiran itti fufsiisuuf qodni Alaabaa keenyaa olaanaa ta’uu ibsuun, keessumaa dhaloonni dargaggeessi xiyyeeffannoon Amaanaa fudhachuusaa argisiisuu qaba jedhaniiru.
Sirna Kabajaa Guyyaa Alaabaarratti Afa Yaa’iin Mana Maree Nannaannoo Affaar Asiyyaa Kamaal dabalatee qondaaltonni hojii biroon argamaniiru .