Alaabaan keenya mallattoo birmadummaa biyya keenyaa fi axsaa tokkummaa keenyaa waan ta’eef eegamuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Alaabaan keenya mallattoo birmadummaa biyya keenyaa fi axsaa tokkummaa keenyaa waan ta’eef eegamuu qaba

Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Alaabaan keenya mallattoo birmadummaa biyya keenyaa fi axsaa tokkummaa keenyaa waan ta’eef eegamuu akka qabu af-yaa’iin mana maree bulchiinsa magaalaa Adaamaa adde Immabeet Jibbaa dubbatan.
Guyyaan alaabaa 18ffaan bakka kutaaleen hawaasaa garagaraa argamanitti magaalaa Adaamaatti kabajameera.
Af-yaa’iin bulchiinsa magaalaa Adaamaa adde Immabeet Jibbaa wayita kana, misoomaa fi guddina gama hundaan eegalame itti fufsiisuun Alaabaa kabaja biyyaa ta’e olkaasuu qabna jedhaniiru.
Alaabaan mallattoo biyya keenyaa fi gootonni aarsaa kaffalanii kan tursiisan waan ta’eef dhaloonni kabaja malu kennuufii qaba jedhaniiru.
Ayyaana kana kan kabajnu magaalattiitti misooma kooriidarii dabalatee pirojektoonni rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee furan wayita xumuramanitti waan ta’eef hiikoo uddaa qaba jedhaniiru.
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Adaamaa obbo Nigaatuu Mootummaa gamasaaniin, Alaabaan keenya mallattoo tokkummaa fi birmadummaa keenyaati jedhaniiru.
“Kabaja Alaabaa eeguun itti gaafatama dhaloota ammaati” kan jedhan itti aanaan kantiibaa, guddummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf pirojektoonni xaa’oo fi gaazii uumamaa kan itti eegalaman waan ta’eef guyyaa kana adda taasisa jedhaniiru.
Magaalaa Adaamaatti jaarsi biyyaa obbo Fayyisaa Magarsaa, dhaloonni haaraan abbootiin daangaa kabachiisuuf aarsaa kan itti kaffalan Alaabaa imaanaan fudhachuun kabaja maluuf kennuu fi eeguu qaba jedhaniiru.