Tamsaasa Kallatti:

Alaabaa Jalatti Walitti qabamuun Imala Badhaadhinaa galmaan ga’uuf Tumsuu qabna- kantiibaa Kadir Juhaar

Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Mallaattoo Birmadummaa fi gootummaa biyyaa kan ta’e Alaabaa jalatti walitti qabamuun Imala badhaadhinaa galmaan ga’uuf tumsuu qabna jechuun  Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirreedawaa Kadir Juhaar  ibsan.

Bulchiinsa Magaalaa  Dirreedawaatti  guyyaan Alaabaa  18ffaan   sirna ho’aan kabajameera.

Kantiibaan Bulchinsa Magaalichaa Kadir Juhaar  haasaa wayita kana taassisaaniin,  Alaabaan keenya Birmadummaa biyya keenyaa, Gootummaa fi mallattoo Qaroominaati jedhaniiru.

Kana guddisuun biyya badhaate  dhalotaaf dhaalchisuu akka qabnu  ibsaniiru.

Ibsituu tokkummaa, sabboonummaa, fi  birmadummaa kan ta’e Alaabaa jaltti walitti qabamnee tokkummaa sab-daneessummaa  cimsuun  imala badhaadhinaa galmaan ga’uuf  tumsuu akka  qabnu  hubachiisaniiru.

Hirmaattonni Ayyaanichaa kabaja Alaabaa eeguun  Misoomaa fi badhaadhina biyyaaf   gita hojii  irratti bobba’aniin  cimanii hojjechuun qoodasaanii akka  bahan waadaa galuun  mirkaneessaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015