Tamsaasa Kallatti:

Alaabaan tokkoo tokkoo  laphee raayyaa keessatti kan Chaappeffame Mallattoo   BirmadummaaAsxaa Biyya boonsudha

Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Alaabaan Itiyoophiyaa laphee tokko tokkoo raayyaa  keessatti kan chaappefame ibsituu birmadummaa Asxaa Bonsaa biyyoolessaati jechuun Itti gaafatamaan Qajeelcha olaanaa Odeeffanno Raayyaa Ittisa  biyyaa Jeneraal Geetachoo Guddinaa Ibsan.

Guyyaan  kabaja Alaabaa Biiyyoolessa 18ffaan mata duree  “ Alaabaan keenya bara kabaja guddumaa Itiyoophiyaa tokkummaa biyyoolessaa, birmadummaa  keenyaa fi  Haaromsa Itiyoophiyaaf’’  jedhuun  guutuu  biyyoolessaatti taateewwan adda addaan kabajamaa jira.

Bu’uuruma Kanaan Ayyaanichi Qajeelcha waliigalaa Raayyaa Ittisa biyyaatti kabajameera.

Ayyaanicharratti Itti gaafatamaan Qajeelcha olaanaa Odeeffanno Raayyaa Ittisa  biyyaa  Jeneraal Geetachoo Guddinaa  dabalatee,  De’eetawwan Ministira Raayyaa Ittisa biyyaa, Qondaaltota waraanaa olaanoo fi Miseensonni Raayyaa Ittisaa hedduun argamaniiru.

Saganticharratti Jeneraal Geetachoo Guddinaa  ergaa dabarsaniin, Alaabaan Keenya Ibsituu Birmadummaa, bilusummaa fi  agarsiistuu ashaaraan gootummaa keenyaati  jedhaniiru.

Alaabaan keenyaa fi  Raayyaan Ittisaa keenya jechaa hanga Wareegama lubbuutti  kutannoo walitti hidhamee fi  hariisoo  qabu jedhaniiru.

Tokkon tokkoo miseensa raayyaa irreesaa Mirgaarratti, Mallayyoo fi  Asxaa qabuun  bakka hojiisaa fi  kaampiitti  akkasumsa yeroo wareegamni isa mudatu  immoo  kan ittiin haguugamuu fi  kan isa miidhagsu Alaabaasaati  jedhaniiru.

sababa kanaaf  Alaabaan raayyaa keenyaaf hiika addaa qaba jedhaniiru.

Alaabaan Itiyoophiyaa  tokkoo tokkoo  laphee raayyaa keessatti kan chaappeffame ibsituu  birmadummaa biyyaa fi  Asxaa boonsaa biyyoolessaati jechun ibsaniiru.

kanaafis guddumaa biyyaa fi Alaabaa keenyaa  mirkaneessuuf  tattaaffii taassifamu keessatti  nuyi gaggeessitoonni fi miseensoni raayyaa  akka ammaan duraa  itti gaafatamummaa nutti kenname cimnee bahuuf qophiidha jechuun  mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015