Tamsaasa Kallatti:

Torban ogummaa Afriikaa lammaffaan har’a Finfinneetti ni’eegalama

Onkoloolessa 3/2018 (TOI)-Torban ogummaa Afriikaa lammaffaan teessoo muummee gamtaa Afriikaa Finfinneetti har’a ni’eegalama.

Mata dureen torbanichaa “ogummaawwan misooma Industirii Afriikaa guddisan Afriikaanota hidhachiisuu” kan jedhudha.

Komishiniin gamtaa Afriikaa ministeera hojii fi ogummaa waliin ta’uu taatee kana qopheessaniiru.

Hooggantoonni olaanoo gamtaa Afriikaa fi ministiroonni biyyoota miseensaa, poolisii baaftonni, gaggeessitoonni Industirii, hooggantoonni dhaabbilee misoomaa, barsiiftonni, Innoveetaroonni, bakka bu’oonni dargaggootaa fi tumsitoonni misoomaa taatee kanarratti nihirmaatu.

Dirree ogummaa Ardichaa jijjiiruun dandeettii dorgommii Industirii gudisuu, dandeettii hojii uumuu guddisuu fi misooma fulla’aa mirkaneessuu irratti tumsa waloo cimsuun xiyyeeffannoo taatee kanaati.

Hanqina ogummaa Afriikaa guutuun, riijiniin daldala bilisaa Ardii Afriikaa misooma ogummaaf fayyadamuu fi karaa ajandaa 2063 guddina dinagdee hunda galeessa mirkaneessuu irratti mariin nigaggeeffama.

Torban ogummaa Afriikaa Kanaan waltajjiiwwan maree ministirootaa fi damee dhuunfaa, agarsiisonni ogummaa fi taateewwan walitti hidhamiinsa gabaa akkasumas foramiin dargaggootaa fi hojii uumtotaa akka gaggeeffamu odeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa.

Bu’aaleen hojii Innoveetaroota Afriikaa foramicharratti akka dhihaatan ibsameera.

Hirmaattonni turban ogummaa hojiilee misooma humna namaa paarkiiwwan Industirii, dhaabbilee teekniikaa fi ogummaa fi  wiirtuu Innoveeshinii keessatti hojjetaman nidaawwatu.

Torban ogummaa Afriikaa Kun wayita xumuramu misooma ogummaa Afriikaa ilaalchisee ibsi ejjennoo waloo fi akshin pilaaniin ni’ifooma jedhameetu eegama.

Torban ogummaa Afriikaa ajandaa Industirii fi ogummaa Ardichaaf ashaaraa qabatamaa akka kaa’u gamtichi ibseera.

Torban ogummaa Ariikaa kun amma Onkoloolessa 7 bara 2018tti nitura.

Torba ogummaa Afriikaa kan jalqabaa A.L.A Oktobar 2024 Gaanaa Akraatti gaggeeffamuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015