Milkaa’inoonni keenya olka’iinsa Alaabaa keenyaa kan dabalanidha - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inoonni keenya olka’iinsa Alaabaa keenyaa kan dabalanidha

Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Waggoottan jijjiiramaa muraasa darban Itiyoophiyaan milkaa’inoota tarkaanfataa milkeessaa olka’iinsa ishee madaalu eegalaa jirti jechuun beeksise tajaajilli komunikeeshinii mootummaa.
Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa guyyaa Alaabaa har’a kabajamu ilaalchisuun ibsa baaseen milka’inoonni keenya plka’iinsa Alaabaa keenyaa kan dabalanidha jedheera.
Guutummaan ibsa kanaa akka armaan gadiitti dhihaateera.
Milkaa’inoonni keenya Olka’iinsa Alaabaa keenyaa kan dabalanidha.
Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa muraasa darban milkaa’inoota tarkaanfataa milkeessaa olka’iinsa ishee madaalu eegalaa jirti .
Baroota dheeraaf madda seenessa gaabbii fi faruu kan ta’e Abbaayiin hdhuun madda anniisaa fi ifaa gooteetti.
Oomisha qurxummii birmadummaa nyaataaf qooda guddaa qabu haroo Nigaatiin argatteetti, odolaa fi magaalota bakkeewwan turizimiif oolan uumteetti.
Seenessa gaabbii Abbaayi gara injifannoo fi mo’annaatti jijjiirteetti.
Bishaanii fi Urka, aduurraa amma anniisaa Nuukileraa fi bobbeerraa maddeen anniisaa dabalataa ijaaraa jirti.
Kanneen hundi olka’insaa fi fakkeenyummaa Alaabaashee kan agarsiisanidha.
Itiyoophiyaa qabeenya lafarraan alatti qabeenyashee lafa keessaa fayyadamuutti ceeteetti.
Milkaa’ina qabeenya uumamaa baasuun mul’ate guddisuuf, Zayitii boba’aan dabaluuf pirojektoota gurguddoo jalqabdeetti.
Bu’a qabeessummaa damee qonnaa guddisuuf Xaa’oo oomishuuf boqonnaa murteessaarra geesseetti.
Haala jireenya ummatashee biiroo irraa amma mooraatti jedhuun eegaltee, magaalaa irraa amma baadiyyaatti jedhutti ceeteetti.
Sosochiin bifa magaalotaa jijjiiruuf Finfinneetti eegalame mmayyummaa, yaadama Ismaart siitii fi muuxannoo namaa fi uumama walsimsiisuu godhamu beeksisaa jira.
Kun ammoo magaalaa keenya wiirtuu dippilomaasii taate bifashee sadarkaa idil addunyaatti kan mul’isu,olka’iinsa Alaabaa keenyaa kan dabalu ta’eera.
Jalqabbii magaalota keenya ammayyeessuu lageen keenya waldhaanuun nageenya yaa’insaa kan mirkaneessu ta’eera.
Misoomni qarqara lageenii Inxooxxoo irraa eegalee hojjetamaa jiru bakkeewwan yaa’a Hawaas kan waldhaanu eegumsa naannoof fakkeenya ta’a.
Haala jireenya baadiyyaa ammayyeessuun Itiyoophiyaa biyya waan gaariin fakkeeffamtu gochuuf hojii hojjetamu firiinsaa mul’achaa jira.
Kanneen hundi Alaabaa keenya akka mirmirfamu kan mul’isan bu’aalee dhamaatii keenyaati.
Guyyaan Alaabaa har’a kabajnu guyyaa bilisummaa kan argame miti, bilisa ta’ee bilisummaa olka’ee mirmirfamee kan mul’ate mallattoo bilisummaati malee.
Bilisummaasaa kabachiisuuf garuu abbootiin keenya dhiiga, foon fi lafee gabbaraniiru.
Itiyoophiyaan ifa bilisummaa gochuun nuuf dabarsaniiru. Har’as akkuma kaleessaa birmadummaa Itiyoophiyaa dhiigaa fi Lafeen kabachiisuuf kan kutatan gootota qabna.
Birmadummaa Itiyoophiyaa lafa, Qilleensaa Galaanaa fi gama Saayibariin kabachiisuun Alaabaanshee fakkeenya bilisummaa ta’ee akka itti fufu kan hojjetan gootota qabna.
Guyyaa Alaabaa kan kabajnu gootota keeya adda hundatti, bakka hundattiaarsaa kaffalan galateeffachuun, Alaabaa keenyas kabajaan olkaafnee mirmirsuun, guddummaa caaluuf akka hojjennu waadaa galuuni.
Pirojektoota Alaabaa gurguddoo eegalaman milkeessuuf ammoo osoo hinqusatiin waloomaan carraaquu, badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf gatii kamiyyuu kaffaluun lammiirraa eegama.
Baga guyyaa Alaabaan isin Gahe!
Tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Onkoloolessa 3/2018