Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti bara barnootaa baranaa qulqullina barnootaa eegsisuuf Xiyyeeffannoon taasifameera

Onkoloolessa 2/2018(TOI)- Godina Wallagga Bahaatti bara barnootaa baranaa qulqullina barnootaa eegsisuuf Xiyyeeffannoon taasifamuu waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.

Itti aanaan hoogganaa waajjira barnootaa godinichaa obbo Zalaalam Alamuu TOI’f akka ibsanitti, bara barnootaa kana godinichatti barattoonni kuma 450 caalan galmaa’anii barumsa eegalaniiru.

Baatii gannaatti qaqqabummaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kan gargaaran maneen barumsaa idileen duraa 80 tajaajiluuf ooluu dubbataniiru.

Kana malees maneen barumsaa sadarkaa tokkoffaa afur ijaaramanii bara barumsaa 2018’f tajaajila eegaluusaanii ibsaniiru.

Mana barumsaa haaraa ijaaruun cinaatti kutaalee manneen barumsaa bulanii haaromsuu fi kutaalee barumsaa dabalataa 460 ijaaramuu himaniiru.

Hojii baruu fi barsiisuu mijataa gochuuf galtee guutuun alatti mooraa maneen barumsaa miidhagsuunis hojjetamuu dubbataniiru.

Kana malees barattoonni kuma 81 fayyadamtoota soorata mana barumsaa akka ta’anis himaniiru.

Qabxii barattootaa fooyyessuuf galtee guutuun cinaatti barsiisota ga’oomsuufis xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuu dabalanii dubbataniiru.

Yeroosaa sirnaan fayyadamuun qabxii fooyya’aaf akka hojjetu kan ibse ammo godinichatti barataan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Biiftuu Ye’aabsiraa Taaddasaati.

Barataa Naa’ol Dassaaleny gamasaatiin, deeggarsa barsiisotaan cinaatti yeroosaa mana kitaabaatti dabarsuun qabxii fooyya’aa fiduuf cimee hojjechaa akka jiru dubbateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015