Godina Shawaa Lixaatti Kuduraa fi muduraan lafa heektaara kuma 7 irratti misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Lixaatti Kuduraa fi muduraan lafa heektaara kuma 7 irratti misoomaa jira

Onkoloolessa 1/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaatti Kuduraa fi muduraan lafa heektaara kuma 7 irratti misoomaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Waajjira qonnaa godinichaatti ogeessi misooma kuduraa fi muduraa obbo Mangaduu Gurmuu TOI’f akka ibsanitti, godinichatti misooma kuduraa fi muduraaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
Hojii misooma Kuduraa fi Muduraa baatii gannaa hojjetameen oomisha fooyya’aa argachuuf kunuunsii fi eegumsi midhaanii taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo ammaalafa heektaara kuma 7 fi 437 irratti Avokaadoon filatamaan, maangoon, Appiliin, Paappaayyaa fi Muuziin misoomaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis Burtukaanni, Loomii fi Zayituunaan akkasumas akaakuuwwan kuduraa biroon misoomaa jiraachuu eeranii, walumaa gala lafa Kuduraa fi Muduraan misoomaa jiru irraa oomisha kuntaala kuma 646 galchuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Oomisha karoorfame galchuuf waajjirri qonnaa godinaa aanaarraa amma gandaatti ogeessota qonnaa ramaduun deeggarsa gochaa akka jiru dubbataniiru.
Lafa Kuduraa fi Muduraan misoomaa jiru keessaa heektaarri kuma 1 fi 353 kilaastaraan kan misooma ta’uu ibsaniiru.
Aanaaleen Kuduraa fi Muduraan baay’inaan keessatti misoomaa jiru keessaa aanaa Daannoo, Noonnoo, Tokkee Kuttaayee, Midaa Qanyi, Gindabarat, Liiban Jaawwii fi Jibaat akka ta’an ibsaniiru.