Hojii Galii walitti qabuu bu’a qabeessummaan gaggeessuun mul’ata biyya cimtuu ijaaruu qabanne milkeessuuf murteessaadha-Obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Hojii Galii walitti qabuu bu’a qabeessummaan gaggeessuun mul’ata biyya cimtuu ijaaruu qabanne milkeessuuf murteessaadha-Obbo Adam Faaraah

Onkoloolessa 1/2018(TOI)- Hojii Galii walitti qabuu bu’a qabeessummaan gaggeessuun mul’ata biyya cimtuu ijaaruu qabanne milkeessuuf murteessaadha jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Ministeerri galiiwwanii qooda fudhattoota damee galii federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaa waliin Fulbaana 29 bara 2018 irraa eegalee waltajjii marii akkaadaamii ga’ooma hoggansaa Afriikaatti gaggeessaa ture xumureera.
Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan galii walitti qabuurratti waggoottan jijjiirama darban hojjetamaniin bu’aan olaanaan galmaa’eera.
Kanaaf ammoo tarkaanfiiwwan fooyyessa dinagdee fi fooyyessi dhaabbileen galii sirna hojmaataa dijitaalaan deeggarame irratti taasifame gumaacha guddaa qabu jedhaniiru.
Kaffaltoonni gibiraa amanamoon baay’achaa dhufuun akkasumas hordoffii fi deeggarsi hooggansaa jijjiiramni fooyyeen akka dhufu gochuu kaasanii kun ammoo cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Kaffaltiin taaksii kaffaltoota gibiraa fooyy’aa dhufuu ibsanii ammallee taaksii miliqsuu fi hojiiwwan seeraan alaa biroo sababa rakkoo ilaalchaan uumaman irratti qabsaa’uun barbaachisaadha jedhaniiru.
Bu’a qabeessummaan taaksii muruu fi walitti qabuu misoomni biyyaa akka si’atu gumaacha guddaa akka qabu kaasuun hojii galii walitti qabuu bu’a qabeessummaan gaggeessuun dirqama ta’uu eeraniiru.
Dandeettii dinagdee cimaa uumuun imala badhaadhinaa mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf jalqabame akka milkeessu eeranii kanaaf ammoo dandeettii galii walitti qabuu guddisuun qoonnisaa guddaadha jedhaniiru.
Hooggantoonni damee galii federaalaa fi naannolee ergamnisaanii galii walitti qabuu qofa osoo hintaane dhaabbataa fi biyya ijaaruu ta’uu beekanii itti gaafatama isaanii sirnaan akka bahan hubachiisaniiru.