Tajaajiloota mana murtii si’ataa fi teekonooloojiin akka deeggaramu gochuuf kutannoon hojjetamaa jira-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo - ENA Afaan Oromoo
Tajaajiloota mana murtii si’ataa fi teekonooloojiin akka deeggaramu gochuuf kutannoon hojjetamaa jira-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo

Onkoloolessa 1/2018(TOI)-Tajaajiloota mana murtii si’ataa fi teekonooloojiin akka deeggaramu gochuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo ibsan.
Manni murtii walii galaa federaalaa sagantaa baniinsa tajaajila dhaddacha idilee bara bajataa 2018 gaggeessaa jira.
Af-yaa’iin Taaggasee Caafoo sagantaa baniinsaa irratti akka jedhanitti, qaamoleen seera hojiirra oolchan ofdanda’anii bilisa ta’uun akka raawwatan hojjetamaa jira.
Bilisummaan abbootii murtii itti gaafatamummaa waliin dhugoomsuun dhaabbilee ummatarraa amantaa argatan ijaaruun hunda keenyarraa eegama jechuun dubbataniiru.
Yaada ummataa galtee hojiif fayyadamuun akka barbaachisus ibsaniiru.
Tajaajiloota sadarkaa federaalaatti eegalaman teeknooloojiin deeggaruun sadarkaa hundatti akka babal’atu waliin haa hojjennu jedhaniiru.
Pirezidaantiin mana murtee waliigalaa federaalaa obbo Tewoodiroos Mihirat gamasaaniin, bilisummaa fi of danda’anii hojjechuu abbootii murtii bara bajataa 2017 cimsuuf, tajaajila kennamu si’ataa fi ammayyaa’aa gochuuf hojii hojjetameen bi’aan qabatamaan argamuu dubbataniiruu.
Abbootiin murtii yeroo idilee fi yeroo aara galfii isaanii fayyadamuun tajaajila si’ataa kennuu isaaniitiin galmeewwan hedduun furmaata argachuusaanii ibsaniiru.
Bara bajataa xumurame bu’aan qabatamaa argamus ammallee waanti hafu jira jedhaniiru.
Bara bajataa 2018 tajaajiloota teeknooloojiin ammayyeessuu, hojmaatilee haaraa hojeessuu fi hammattoowwan seeraa adeemsarra jiran fooyyessuun bakka hojii mijataa uumuun ciminaan akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Istaandardiin tajaajilli abbaa murtii hojiitti galuu akka qabus ibsaniiru.