Tamsaasa Kallatti:

Kabajaa fi guddummaa Alaabaa Itiyoophiyaa eegsisuun dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatama dhaloota har’aati-Mana maree bakka bu’oota ummataa

Onkoloolessa 1/2018 (TOI)- Dhaloonni har’aa Kabajaa fi guddummaa Alaabaa Itiyoophiyaa eegsisuun dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamasaa akka bahu Manni maree bakka bu’oota ummataa dhaame.

Ayyaanni guyyaa Alaabaa biyyaalessaa 18ffaan Wixata Onkoloolessa 3 bara 2018 mata duree Alaabaan keenya gammachuu bara guddummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa biyyaalessaaf, birmadummaa keenyaa fi haaromsa Itiyoophiyaaf!”kabajama.

Guyyaa kana ilaalchisuun manni maree bakka bu’oota ummataa ibsa baaseen, Alaabaan mootummaa fi ummataaf meeshaa birmadummaa, aangoo siyaasaa, bilisummaa, guddinaa fi walitti hidhamiinsi hawaasummaa kan ittiin uumamu ta’uu ibseera.

Alaabaan laphee Itiyoophiyaanotaarratti kan maxxanfame calaqqee tokkummaa fi bilisummaa biyyaalessaa asxaa biyyaalessaa boonsaa akka ta’e hubachiiseera.

Alaabaan sadarkaa biyyaalessaatti iddoon guddaan kennameefii kan kabajamu ayyaana biyyaalessaa isa olaanaa ta’uu manni marichaa beeksiseera.

Kanaaf kabajaa fi guddummaa Alaabaa Itiyoophiyaa eegsisuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf birmadummaa biyyaa fi tokkummaa bulchiinsaa itti fufsiisuu, obbolummaa sabdaneessummaa cimsuun guddummaa guddina biyyaa mirkaneessuun dhaloota har’aa irraa kan eegamu itti gaafatama biyyaalessaa ta’uu hubachiiseera.

Guyyaan Alaabaa biyyaalessaa akkaataa lakkoofsa labsii Alabaa fooyya’e 863/2006 keewwata 2 ‘n waggaa waggaan baatiin Onkoloolessaa seenee torban jalqabaa guyyaa Wixata akka kabajamu tumameera.

Haala Kanaan guyyaan Alaabaa baranaa sadarkaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaatti qindeessummaa mana maree bakka bu’oota ummataan mariilee garagaraan nikabajama.

Guyyaan Alaabaa sadarkaa hundatti yeroo walfakkaataa ganama sa’aatii 4:30tti akka kabajamu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015