Manni maree magaalaa Hawaasaa muudama Kantiibaa Taklee Jonbaa mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
Manni maree magaalaa Hawaasaa muudama Kantiibaa Taklee Jonbaa mirkaneesse

Onkoloolessa 1/2018(TOI)- Manni maree magaalaa Hawaasaa muudama Kantiibaa magaalattii Taklee Jonbaa mirkaneesseera.
Manni maree magaalaa Hawaasaa yaa’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 10ffaa marsaa lammaffaa gaggeessaa jira.
Manni marichaa muudama kantiibaa magaalattii Taklee Jonbaa dhihaateef fudhatee sagalee guutuun mirkaneesseera.
Obbo Taklee Jonbaa aanaa amma naannootti dameelee hojii garagaraa irratti hooggaummaan gaggeessaa turuunsaanii eerameera.
Kantiibaan haaraa Taklee Jonbaa ittigaafatama kennameef amanamummaan raawwachuuf waadaa galuun kantiibaa duraanii Makuriyaa Marshaayee waliin aangoo walharkaa fuudhaniiru.