Tamsaasa Kallatti:

Fedhiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaaf qabdu ajandaa faayidaa biyyoolessaa fayyadama dinagdee haqa qabeessa eegsisuu irraa maddudha

Onkoloolessa 1/2018(TOI)- Fedhiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaaf qabdu ajandaa faayidaa biyyoolessaa fayyadama dinagdee haqa qabeessa eegsisuu irraa maddu ta’uu mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatihii Maahidii ibsan.

Itti aanaan walitti qabdaa kun akka ibsanitti, Itiyoophiyaan biyyoota dogoggora seenaa irratti raawwatamee fi haq-maleen  ulaa galaanaan ala ta’an keessaa tokko taateetti.

Itiyoophiyaan galaana diimaatti dhihaattee argamuun ishee fi ummata hedduu qabaachuunshee biyyoota ulaa galaanaa hinqabnerraa adda akka ishee taasisu ibsaniiru.

Shaqaxoonni hedduun kan irra deddeebi’an galaana diimaarraa ulaa galaanaa dhabuun guddina dinagdee biyyaarratti kasaaraa hedduu akka qabu himaniiru.

Itiyoophiyaan Ulaanaa galaanaa dhabuurraa kan ka’e sirna daldalaa alergii fi alaa galu geejjibaa fi loojistiksii idil addunyaatiin baasii olaanaaf akka saaxilamtu gochuusaa dubbataniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa waan hinqabneef guddina dinagdee itti fufsiisuuf tattaaffiin taasifamu dandeettii dorgommii daldala alergii fi alaa galuu fi jireenya lammiileerratti dhiibbaa geessisaa akka jiru himaniiru.

Sirna dandeettii dorgommii dinagdee idil addunyaa  keessatti fayyadama haqa qabeessa mirkaneessuuf ulaan galaanaa fi tajaajilli buufataa qooda ijoo akka qabu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dinagdee gudda fi ummata baay’ee kan qabdu akkasumas galaana diimaatti dhihoo argamuunshee gaaffiin ulaa galaanaa haqa qabeessi gaafatte ajandaa faayidaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu ta’uu cimsanii kaasaniiru.

Fedhiin ulaa galaanaaf qabdu guddina dinagdee si’ataa fi fayyadama si’achiisyuurraa kan maddu,fayyadama waloo riijinii fi qajeeltoo idil addunyaa kan hordofe dhimma faayidaa biyyaalessaa ta’uu himaniiru.

Fedhiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaaf qabdu walitti hidhamiinsa dinagdee Afriikaa bahaa mijeessuun nagaa fi tasgabbii riijinii eegsisuun kan walitti hidhamu ta’uu hubachiisaniiru.

Walitti hidhamiinsi Afriikaa bahaa waljijjiirraa daldalaa fi baay’ina tuuristii cimsuun fayyadama dinagdee lammiilee qaxanichaa guddisuun badhaadhina waloo mirkaneessuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan qajeeltoorratti hundooftee gaafattu qoonni gaariin guddina dinagdee waloof, nagaa fi tasgabbiif qabaatu hubachuun biyyoonni riijinichaa deebii sirrii kennuu akka qaban hubachiisaniiru.

Fedhii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf carraaqqiiwwan dippilomaasii keessaa fi alaa cimanii itti fufuu akka qaban ibsaniiru.

Lammiileen biyyattiis gaaffiin ulaa galaanaa deebii gaarii akka argatu tattaaffii taasifamu keessatti qoodasaanii bahuu akka qaban dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015