Tamsaasa Kallatti:

Galteewwan qorichaa fi tajaajila fayyaa Itiyoophiyaa keessatti bakka buusuuf tattaaffiin cimee itti fufa

Fulbaana 30/2018(TOI)- Galteewwan qorichaa fi tajaajila fayyaa Itiyoophiyaa keessatti bakka buusuuf tattaaffiin cimee akka itti fufu abbaan taayitaa nyaataa fi qorichaa Itiyoophiyaa beeksise.

Waltajjiin maree biyyaalessaa to’annoo nyaataa fi galteewwan fayyaarratti xiyyeeffate magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa nyaataa fi qorichaa Itiyoophiyaa Heraan Garbaa baniinsa yaa’ichaarratti dubbii dubbataniin, jijjiiramni damee Industiruii Faarmaasiiyuutiikal irratti argame si’ataa ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa galteewwan fayyaa garagaraa gama oomishuutiin raawwii gadi aanaa irra turerraa yeroo ammaa fooyyee olaanaa agarsiisuusaa kaasaniiru.

Dhaabbilee talaallii oomishan Itiyoophiyaa keessatti dhaabuuf hojjetamaa akka jiru kaasanii, fuulduras fedhii talaallii dhibbantaa 60 biyya keessatti bakka buusuuf akeekamee qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Fuulduras galteewwan qorichaa fi tajaajila fayyaa oomisha biyya keessaan bakka buusuuf carraaqqiin taasifamu cimee itti fufa jechuun ibsaniiru.

Yaa’iin kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u hooggantoonni naannolee fi bulchiinsota magaalaa lamaanii gabaasa nidhiheessu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015