Tamsaasa Kallatti:

Sadarkaa Manneen Barnootaa Fooyyesuun Qulqullina Barnootaa eegsisuun cimee itti fufa-Pirofeesar Biraanuu Naggaa

Fulbaana 28/2018(TOI)-Sadarkaa Manneen Barnootaa Fooyyesuu fi haala mijataa Baruu fi Barsiisuu umuun Qulqullina Barnootaa eegsisuun cimee akka itti fufu Ministirri Barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa ibsan.

Magaala Dasee Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Hoxeetti pirojektiin babal’isuu ijaarame  har’a eebbifameera.

Ministirichi Pirofeesar Biraanuu Naggaa haasaa sirna eebbaa kanarratti taassisaniin, hojiin Barnootarratti raawwannu bu’uura guddina biyyaa ta’uu hubachuun   qindoominaan hojjechuun bu’aan abdachiisaan galmeessuun danda’ameera jedhaniiru.

Damee Barnootaa deeggaruun dhaloota gahoomee fi dorgomaa horachuuf qooda fudhattoota waliinj tumsaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Biyyichatti sadarkaa Manneen Barnotaa fooyesuu fi haala mijataa Baruu fi Barsiisuu   uumuun hojiin  qulqullina barnootaa eegsisuu cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Sadarkaa biyyaatti Qulqullina Barnootaa itti fufinsaan eegsisuuf hojiin Mana Barnootaa Modeelaa fi Bultii addaa babl’isuu raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015