Tamsaasa Kallatti:

Karoorri Pirojektii Misooma Gurguddoo Itiyoophiyaa Saffisa Guddina Industiriif  qooda olaanaa qaba-Ministira Industirii Malaakuu Allebal 

Fulbaana 26/2018(TOI)-Karoorri Pirojektii  Misooma Gurguddoo Itiyoophiyaa  guddinni Industirii akka saffisu qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Industirii   Malaakuu Allebal beeksisan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 yeroo Hidhi Haaromsa  Guddichi Itiyoophiyaa eebbifame Meeggaa Pirojektii Doolaarra Ameerikaa Biiliyoona 30 beeksisuunsaanii ni beekama.

Kanaanis Invastimantii Hooldingii Itiyoophiyaa fi Daangootee Giruuppiin xaa’oo Yuuriyaa fi golden konkordi giruuppii ijaaramu dhagaan bu’uuraa  waarshaa  Pirojektii Godee  boba’aa qulqulleesu kaa’ameera.

Itti fufuunis pirojektii ijaarsa warshaa boba’aa qulqulleessu kan jalqabaa gaazii uumamaa dhangala’aa Ogaaden waggaatti gaazii liitira miiliyoona 111 oomishuu danda’u naannoo Somaaleetti  xumuramee eebbifameera.

Waarshaan gaazii uumamaa dhangala’aa qulqulleessu Ogaaden marsaa 1ffaan  eebbifamee fi Pirojektoonni Ijaarsaaf dhagaan bu’uura  kaa’ame guddina Dinagdee Itiyoophiyaatiif  hiika guddaa kan kennamudha.

 Ministirri Industirii obbo Malaakuu Allebal TOI’f akka ibsanitti, Waggoota Muraasa keessatti  Omishtummaa Industiriif deeggarsi taassifame guddinni qabatamaan akka galmaa’uuf bu’uura kaa’eera jedhaniiru.

Kaka’umsa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin pirojektoonni biyyoolessaa  gurguddoon dhagaan bu’uuraa kaa’amee  eebbifamanii tajaajilaaf gahan damee Industiriif hiika akka  kennan  ibsaniiru.

Keessumaa waarshaan Xaa’oo Biyyee fi pirojektii waarshaa Misooma Albuuda Gaazii Uumamaa , omishtummaa Qonnaa guddisuun  galtee Industirii dabalataa ta’uun   Bayyanachuu Dinagdeef bu’uura kan kaa’an ta’uusaanii hubachiisaniiru.

Pirojeektiin Waarshaa Xaa’oo Yuuriyaa Omishus fedhii dhiheessii Qonnaan bulaa Guutuun Omishtummaa Qonnaan bulaa ittifufsiisuu dabalatee  qooda bakka  hin bu’amne akka qabaatu hubachiisaniiru.

Pirojektiin waarshaa Gaazii Uumaamaas Industiriin Omishaa filannoo dhiheessii anniisaaakka argatu gochuun dorgommii omishaa guddisuun amma Invastimantii dabaluuf faayidaa qabachuu hubachiisaniiru.

Waarshaan Gaazii Uumamaa Marsaa jalqabaa eebbifame galtee guddina Industirii Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Guddina Dinagdee  hunda galeessa biyyoolessaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf milkaa’inoota damee omishaan galmaa’an  itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachguu  dubbataniiru.

Omishtummaa Industirii  Itiyoophiyaa  dadammaqsuuf tarkaanfiin biyyoolessaa  fooyya’insa Diingdee gooroo fi  tarkaanfiiwwan imaammataa  bu’aa qabataamaa galmeessusaanii  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015