Sirni baniinsaa waloo bara hojii manneen maree bakka bu’oota ummataa fi federeeshinii jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Sirni baniinsaa waloo bara hojii manneen maree bakka bu’oota ummataa fi federeeshinii jalqabame

Fulbaana 26/2018(TOI)-Sirni baniinsaa waloo mana maree bakka bu’oota ummataa RDFI fi mana maree federeeshinii 6ffaa bara hojii 5ffaa gaggeeffamaa jira.
Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon sirnicharratti argamaniiru.
Yeroon hojii mana maree bakka bu’oota ummataa kan waggaa tokkoo torbee xumuraa baatii Fulbaanaa gaafa Wixataa irraa amma Waxabajjii 30tti akka ta’e tumameera.
Haala Kanaan manni maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree federeeshinii bara hojii 5ffaan bakka pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen argamanitti gaggeeffamaa jira.
Pirezidaant Taayyeen manneen maree lamaan hojiisaanii akka eegalan gochuun karoora mootummaa federaalaa kan waggaa nidhiheessu.
Ambaasaaddaroonni bityyoota garagaraa fi itti waamamtoonni dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin amantaa, jaaesoliin biyyaa fi namoonni beekamoon, hooggantoonni paartilee morkattootaa fi keessummoonni afeeraman biroon sirna baniinsaarratti argamaniiru.