Sirni to’annoo dhiheessii, raabsii fi gurgurtaa boba’aa teeknooloojiin raawwatamaa jiru cimee ittifufa - ENA Afaan Oromoo
Sirni to’annoo dhiheessii, raabsii fi gurgurtaa boba’aa teeknooloojiin raawwatamaa jiru cimee ittifufa
Fulbaana 26/2018 (TOI)-Sirni to’annoo dhiheessii, raabsii fi gurgurtaa boba’aa si’ataa, amansiisaa fi qulqulluu akka ta’u hojmaatilee teeknooloojii deeggaraman cimsuusaa abbaan taayitaa boba’aa fi inarjii beeksise.
Gurgurtaan boba’aa bara 2014 irraa eegalee Finfinneetti akkasumas naannoleetti bara 2015 irraa eegalee mala kaffaltii dijitaalaan raawwatamaa akka abbaa taayitichattihojii raawwachiiftuun sabquunnamtii fi komunikeeshinii Baqqalech Kumaa ibsaniiru.
Hojmaanni kun imaammata dijitaalaa hojeessuurra darbee, gurgurtaa boba’aa seeraan alaa hambisuuf kaayyeffachuu TOItti himaniiru.
Buufataaleen boba’aan kennamuuf karaa dijitaalaa gurguramuunsaa batii sadi sadiin Odiitii akka taasifamuu fi gurgurttaan raawwatan 50 gadi yoo ta’e akkaataa labsiitiin akka ittigaafataman eeraniiru.
Gama biraatiin akkaataan kaffaltii akaakuun 20 hojiitti galuu isaanii fi fayyadamtoonni kan isaaniif mijatutti akka gargaaraman taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Sirni gurgurtaa boba’aa Buufatarraa ajajame, mirkaneessa kaampaanii, gaaffii fe’isaa dhaabbanni boba’aa dhiheessu kaampaaniirraa gaafate, ajaja fe’isaa Jibutiirraa, boba’aa dhiheessurraa, Jibutii kan fe’ame, karaa kan jiru, bakka gahee kan bu’e kan jedhan ofkeessaa akka qabu ibsaniiru.
Qooda fudhattoonni sirni ajaja fe’isa boba’aa eessaa fi maalirra akka jiru kan ittiin hordofan ta’uu eeranii,haala Kanaan guyyaa sana Itiyoophiyaa kan galee fi Ammi boba’aa Buufata boba’aa qaqqabe nibeekama, nihordofamas jedhaniiru.
Gama biraan sirni filiit maaneejimant konkolaattota bottee boba’aa fe’an to’atu hojjetamaa kan jiruu fi dhiheenyatti hojii eegalchiisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeraniiru.
Botteewwan amma ammaatti jira kuma 5 fi 400 keessaa kuma 3 fi 193 GPS”n mxxanfameefii sirnicha keessa galfamuusaanii fi fuuldura hundayyuu sirnicha keessa galchuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.