Ogummaa Barsiisummaa deeggaruun filatamaa akka ta’u gochuu qabna-Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Ogummaa Barsiisummaa deeggaruun filatamaa akka ta’u gochuu qabna-Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa
Fulbaana 26/2018(TOI)-Furtuu Ogummaa hundaa kan ta’e barsiisummaa deeggaruun filatamaa akka ta’uuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu Waldaan Barsiisota Itiyoophiyaa hubachiise.
Miseensa Hojii raawwachiisaan boordii waldaa Barsiisota Idil-Addunyaa fi Pirezidaantiin Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa Dr.Yohaannis Bantii akka jedhanitti, Guyyaan Barsiisootaa har’aa eegalee Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekinoolooji Adaamaatti ni gaggeeffama.
Guyyicha sababeeffachuun barreefamni qorannoo akka dhihaatan, konfiraansiiwwan akka gaggeeffamanii fi dorgommiin barsiistotaa filatamoon ykn leenjisaa filatamoon gaggeefamee adda baasuun badhaasni akka kennamu eeraniiru.
Guyyaan barsiisotaa akka biyyaatti kabajamuun dura akka lakkoofsa warra Faranjootaa Onkoloolessa 1 hanga 3 Guyyaan barsiisota akka Ardiitti Gamtaa Afriiklaatti kabajamuu yaadachiisaniiru.
Gahumsaa fi qabxii gaarii qabaatanii ogummichatti bal’inaan makamuudhabuu fi ulfaatina ogummichaan onnachiiftuun taassifamu muraasa ta’uu ogummicha qoraa jiraachuun guyyaan barsiisotaa kabajamuun qooda qaba jedhaniiru.
Qulqullina Barnootaa fi Barsiisotaa Gahumsa qaban horachuuf akkasumas ogummicha keessa tursiisuuf sadarkaa biyyoolessaatti waltajjiin barsiisonni itti galateeffaman bal’inaan akka gaggeeffamu gaafataniiru.
Namni tokko osoo hin baratiin milkaa’ina amma irra jirurra hin gahu kan jedhan Pirezidaantichi, Barnoonni bu’uura, Bu’uura kana kan ijaaran immoo Barsiisota jedhaniiru.
Barsiisummaan ogummaa hunda kan omishu waan ta’eef ogummicha guddisuuraatti onnachiiftuun jiraachuu qaba, ogummicha yoo hin deeggarre ogummaawwan biroon hundi miidhaarratti kufu jechuun hubachiisaniiru.