Tamsaasa Kallatti:

Sirni galateeffannaa ayyaana Irreechaa Hora Harsadee eegalame.

Fulbaana 25/2018 (TOI)- Sirni galateeffannaa ayyaana Irreechaa Hora Harsadee eegalame.

Ayyaannii Irreechaa Hora Harsadee Bishooftuutti kabajamaa jira.

Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hirmaattonni ayyaanichaa hirmaachaa kan jiran yoo ta’u sirnichi eebba abbootii Gadaatiin eegalameera.

Hirmaattonni ayyaanichaa akkaataa duudhaa aadaasaatiin sirnicha raawwachaa jiru.

Irreechi calaqqee sirna Gadaa keessaa tokko yoo ta’u, ummata Oromoo Biratti bakkeewwan garagaraatti bal’inaan kan kabajamu calaqqee aadaa fi duudhaa ayyaana galateeffannaati.

Irreechi baranaa mata duree “Irreechi bayyanachuu biyyaaf” jedhuun kabajamaa jira.

Halkan irraa eegalee Irreecha Hora Harsadeetti kabajamaa kabajamaa jirurratti namoonni hedduun irratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015