Tamsaasa Kallatti:

Dhimmoota Biyyoolessaa ijoorratti waliigaltee waloo uumuu fi rakkoo bu’uurarraa furuuf mariin furmaata

Fulbaana 24/2018(TOI)-Dhimmoota Biyyoolessaa ijoorratti waliigaltee waloo uumuun rakkoolee bu’uurarraa furuuf furmaanni filannoo hin qabne marii ta’uu komishinarri komishinii marii biyyoolessaa Bileen Gabramadin ibsan.

Komishinichi Naannoo Benishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaatti dargaggoota, dubartootaa fi qaama miidhamtoota waliin adeemsa marichaarratti marii gaggeessaa jira.


 

Waltajjicharratti Komishinar Bileen Gabramadin, dhimmoota gurguddoo biyyaarratti waliigaltee waloo uumuun rakkoolee bu’uurarraa furuuf mariin filannoo furmaata hin qabne ta’uusaa kaasaniiru.

Rakkoo biyyoolessaa bu’uurarraa mariidhaan furuuf walitti bu’insa dhabamsiisuu fi tokkummaa sabdaneesuummaa cimsuuf mariin biyyoolessaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis adeemsi marichaa hammataa, hirmaachisaa fi hunda galeessa gochuuf hojjetamaa jiraachuu kaasuun gama Kanaan keessumaa hirmaannaan dargaggootaa, dubartootaa fi qaama miidhamtootaa cimuu qaba jedhaniiru.


 

Marii guyyaa lamaaf Asoosaatti mataduree “qoodni dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa bu’aa qabeessummaa marii biyyoolessaa Itiyoophiyaaf ” jedhuun gaggeeffamu kan ittifufu ta’uun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015