Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee duudhaasaa eegee bakka namoonni hedduun argamanitti dammaqinaan kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee duudhaasaa eegee bakka namoonni hedduun argamanitti dammaqinaan kabajamaa jira
Fulbaana 24 /2018 (TOI)- Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee duudhaasaa eegee bakka namoonni hedduun argamanitti dammaqinaan kabajamaa jira.
Ayyaanni kun eebba Abbaa Malkaa fi abbootii Gadaatiin eegalameera.
Qaamaa fi agarsiiftuu Sirna Gadaa Oromoo isa tokkoo kan ta’e ayyaanni Irreechaa duudhaasaa eegee dammaqinaan kabajamaa jira.
Irreechi ayyaan galataa, nagaa,dhiifamaa, waloomaa fi obbolummaa akkasumas tokkummaa fi walitti hidhamiinsi ummattootaa caalaa kan itti cimudha.
Ayyaanni Irreechaa baranaa mata duree “Irreechi bayyanachuu biyyaaf” jedhuun kabajamaa jira.