Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira

Fulbaana 24/ 2018 (TOI)-Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee magaalaa Finfinneetti dammaqinaan kabajamaa jira.

Ayyaanni kun akkaataa sirna Gadaatiin eebba abbootii Gadaatiin jalqabamee kabajamaa jira.

Hirmaattonni ayyaanichaa Finfinnee fii naannawasheerraa akkasumas kutaalee biyyattii garagaraarraa dhufan gara Hora Finfinnee dhaquun akkaataa aadaa IrreechaatiinWaaqasaaniif galata galchaa jiru.

Irreechi ayyaana tokkummaan ittiin ibsamu, abdiin dhufu itti mul’atu, Waaqa hunda hojjeteef galanni kan itti galfamu ayyaana Waloomaati.

Ayyaanni Irreecha baranaa har’a magaalaa Finfinnee Hora Finfinneetti akkasumas boru Dilbata Fulbaana 25 bara 2018 Bishooftuu Hora Harsadeetti mata duree “Irrechi Bayyanachuu biyyaaf” jedhuun kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015