Magaalaa Jimmaa wiirtuu Konfaransii tuurizimii gochuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Jimmaa wiirtuu Konfaransii tuurizimii gochuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira
Fulbaana 23/2018(TOI)- Magaalaa Jimmaa wiirtuu Konfaransii tuurizimii gochuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.
Sagalee ummataa komishiniin turizimii Oromiyaa walitti qabee fi gamaaggama koree ka’umsa godhachuun Magaalaan Jimmaaf beekamtii fi badhaafni kennameeraaf.
Kantiibaan magaalaa jimmaa Xahaa Qamar akka ibsanitti, beekamtiin kenname magaalicha jijjiiruuf hawaasa waliin tumsaan waan hojjetameefi.
Hojiileen haaromsa masaraa Abbaa Jifaar, misooma haroo Booyyee, hojiileen misooma Kooriidarii, hoteelota ammayyaa babal’isuu fi nageenya amansiisaa mirkaneessuuf hojjetaman magaalaa Jimmaa magaalota naannichaa keessaa wiirtuu konfaransii tuurizimii ta’uun akka filatamtu godheera jedhan.
Magaalattiin bara bajataa konfaransiiwwan garagaraa, egzibiishinoota, wltajjiiwwanii fi sagantaawwan garagaraa qopheessuun adda durummaan kaafamuushee dubbataniiru.
Hojiilee akkasii hojjetamaniin komishinii turizimii naannoo Oromiyaatiin beekamtii argachuun alatti badhaafni Waancaa kennamuufii Kantiibaa Xahaan dubbataniiru.
Bulchaan godina Jimmaa Tijaanii Naasir gamasaaniin, bu’uraaleen misoomaa fi bakkeewwan tuurizimii magaalichatti ijaaraman magaalattii filatamtuu gochaa akka jiran dubbataniiru.
Beekamtiin komishinii Turizimii naannichaan kenname hojii caaluuf kan kakaasu ta’uu ibsanii, magaalattii kana caalaa misoomsuun jireenyaa fi tuuristootaaf mijattuu fi filatamtuu gochuun cimee ittifufa jedhaniiru.