Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan

Fulbaana 23/2018(TOI)-Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ergaan dabarsan akka armaan gadiitti dhihaateera.
Irreecha - Ayyaana galateeffannaa!
Irreechi guyyaa galataati. Keessaayyuu ayyaana Uumaan dachee roobaan quubse itti yaadatamudha.
Ummanni Oromoo yeroo miidhagaa fi abdiidhaan guutame kanatti Uumaa isa bacaqii ganna keessaa gara birraa quufaa fi gabbinaatti isa ceesise waliin ta'ee addabaabayiitti bahee galata dhiyeessaafi. Bara darbe cufee bara haaraa ittiin eegala.
Aadaan galateeffannaa akka gabbatu, tokkummaan sabdaneessi akka cimu, Itoophiyaan hundarraa - hundumaan - hundumaaf akka taatu Irreechi duudhaashee isa tokkodha.
Ayyaana galateeffannaa gaarii nuuf haa ta'u!!
Irra deebiidhaan, baga Ayyaana Irreechaatiin isin gahe!