Duudhaalee Aadaa Dinqisiisoo Itiyoophiyaan qabdu keessaa tokko kan ta’e Irreechi ayyaana Walooma cimsudha - ENA Afaan Oromoo
Duudhaalee Aadaa Dinqisiisoo Itiyoophiyaan qabdu keessaa tokko kan ta’e Irreechi ayyaana Walooma cimsudha

Fulbaana 23/2018(TOI)-Duudhaalee Aadaa dinqisiisoo Itiyoophiyaan qabdu keessaa tokko kan ta’e Irreechi ayyaana Walooma cimsu ta’uu Itti gaafatamtuun Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannoo Oromiyaa Jamiilaa Simbiruu ibsan.
Fooramiin Irreechaa 7ffaan Mataduree “ Irreechi Bayyanachuu Biyyaaf” jedhuun magaalaa Bishooftuu galma Hora Harsadeetti gaggeeffamaa jira.
Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa , mana maree bakka bu’oota ummataatti Itti waamamaan Mootummaa Dr. Tasfaayee Beeljigee, Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Ministiroonni, Qondaaltonni Olaanoo Federaalaa fi Naannichaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi keessummooni Waamichi taassifameef foramicharratti argamaniiru.
Saganticharratti Itti Gaafatamtuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Jamiilaa Simbiruu, Duudhaalee Aadaa dinqisiisoo Itiyoophiyaan qabdu keessaa Ayyaanni Irreechaa ayyaana Walooma cimsudha jedhaniiru.
Irreechi Nagaa fi Galanni, dhiifamni, Waloomni, Obbolummaan Kan itti calaqqisu Duudhaa aadaa Miidhagaa ofkeessatti hammate ta’uu dubbataniiru.
Irreechi ibsituu Sirna Gadaa keessa tokko ta’uu ibsuun, ummanni Oromoo Addunyaaf kan gumaache Qabeenya Aadaa Itiyoophiyaa dinqisiisaadha jedhaniiru.
Biirichi Qabeenya Aadaa Naannichaa sadarkaa olaanaan beeksisuu fi kunuunfamanii akka fulla’an hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf sirna Gadaa keessaa kan bahe Manni Murtii Aadaa, ibsituu Aadaa wal-gargaarsaa kan ta’e Buusaa Gonofaan kan fakkaatan duudhaalee aadaa hojiin kunuunsuu fi eeguuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Irreecha bakka Hawwata Turiizimii olaanaa gochuuf madda guddina galii biyyaaf qoodasaa akka bahuuf hojiin itti fufinsa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa gamasaanin, magaalittiin gidduugala Aadaa fi Turiizimii ta’uushee eeruun, Irreechi Miidhagina Bishooftuu ta’eera jedhaniiru.
Gidduu galeessummaa Turizimiishee cimsuuf pirojektoonni adda addaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa bara kanaa booru Fulbaana 24 bara 2018 Magaalaa Finfinnee Hora Finfinneetti, akkasumas Dilbata Fulbaana 25 Bishoftuu Hora Harsadeetti mataduree “Irreechi Bayyanachuu biyyaaf ” jedhuun kabajama.