Tamsaasa Kallatti:

Oomishuun cinaatti qulqullina oomishaaf xiyyeeffannoon kennameera-Ministeericha

Fulbaana 23/2018(TOI)- Midhaan dibataa fi dheedhii Oomishuun cinaatti qulqullina barbaachisu akka qabaatanii fi qisaasa hambisuuf hojjetamaa akka jiru ministeerri qonnaa ibse.

Qisaasaaf sababoonni ijoon sanyii qulqulluu fayyadamuu dhabuu, ilbiisa, aramaa fi dhukkuba yeroon ittisuu dhabuu, sirna midhaan itti oomishamu sirnaan raawwachuu dhabuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa fi fooyya’oo midhaan ittiin walitti qabamuu fi itti kuufamu fayyadamuu dhabuu,  akkaataa paakeejii eyyamamen midhaan walitti qabuu fi kuusuu dhabuu ta’uun nihimama.

Kanaaf qulqullina oomishaa guddisuu fi qisaasa hir’isuuf hojiileen hedduun hojjetamaa akka jiran ministeera qonnaatti hoogganaan deeskii misooma midhaan dibataa fi oomishaan boodaa Fissahaa Tolasaa dubbataniiru.

Fakkeenyaaf gurmaa’insoonni dhaabbatummaa, teeknooloojiiwwanii fi muuxannoowwan gaariin  oomishaa fi oomishtummaa midhaanii fooyyessuu dandeessisan babal’achuusaanii eeraniiru.

Sanyiiwwan midhaan dibataa qulqullina eegsisuu fi oomishtummaa guddisuuf gargaaran 156 ol qorannoo qonnaan baafamuusaanii TOI’tti himaniiru.


 

Kilaastarrii fi qonni kontiraataa babal’achuun qulqullina eeguuf qooda guddaa akka qaban himaniiru.

Naannawoota Asiidawaa midhaan dheedhiin baddaa itti oomishaman rakkoo asiidii Nooraadhaan waldhaanuun hir’ina oomishaa fi hanqina qulqullinaa.

Teeknooloojiiwwan mala oomishni ittiin walitti qabamu si’eessan, kuusaawwan qisaasa oomishaan boodaa hir’isan, hojmaatilee fi teeknooloojiiwwan midhaan ittiin walitti qabamu beeksisaa jirra jedhaniiru.

Midhaan osoo hingogiin kuusuun samuuf haala mijataa waan uumuuf bakka qulqulluutti gogsuu, gombisaa(mankuusaa) qulqulleessuun kuusuu. Ilbiisa gombisaa keessatti uumamu ittisuuf gombisaa sibiilaa fi keshaa Hermaatiik fayyadamuun akka barbaachisu gorsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015