Tamsaasa Kallatti:

Torban ogummaawwan Afriikaa lammaffaan Finfinneetti nigaggeeffama

Fulbaana 23/2018 (TOI)- orban ogummaawwan Afriikaa lammaffaan Onkoloolessa 3 amma 7 bara 2018tti teessoo muummee gamtaa Afriikaa Finfinneetti nigaggeeffama.

Torban ogummaawwan Afriikaa kun mata duree”dandeettiiwwan Afriikaanonni misooma  industirii iittiin si’achiisan hidhachiisuu” jedhuun gaggeeffama.

Taatee kana komishinii gamtaa Afriikaatu ministeera hojii fi ogummaa waliin ta’uun qopheesse.

Hooggantoonni olaanoo gamtaa Afriikaa fi ministiroonni biyyoota miseensaa, kannneen imaammata baasan, gaggeessitoonni Industirii, hooggantoonni dhaabbilee misoomaa, barsiiftonni, Innoveetaroonni,bakka bu’oonni dargaggootaa fi tumsitoonni misoomaa taatee kanarratti nihirmaatu.

Haala ogummaa Ardichaa jijjiiruun dandeettii dorgommii industirii guddisuu, kalaqa carraa hojii guddisuu fi misooma egeree mirkaneessuurratti tumsa waloo cimsuun xiyyeeffannoo ijoo taatee kanaati.

Hanqina ogummaa Afriikaa guutuu, riijinii daldala bilisaa ardii Afriikaa misooma ogummaaf fayyadamuu fi karaa ajandaa 2063 guddina dinagdee hundagaleessa mirkaneessuurratti nimari’atama.

Torban ogummaawwan Afriikaa kanarratti waltajjiiwwan maree ministirootaa fi damee dhuunfaa, agarsiifni ogummaa fi taateewwan walitti hidhamiinsa gabaa akkasumas foramiin dargaggootaa fi hojii uumtotaa akka gaggeeffamu odeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa.

Bu’aaleen hojii Innoveetaroota Afriikaa foramicharratti akka dhihaatu ibsameera.

Hirmaattonni turban Ogummootaa hojiileen misooma humna namaa Itiyoophiyaan Paarkiiwwan industirii, dhaabbilee ogummaa fi teekniikaa fi wiirttuuwwan Innoveeshinii keessatti hojjechaa jirtu nidaawwatamu.

Torbanichi wayita xumuramu misooma ogummaa Afriikaa ilaalchisee ibsi ejjennoo waloo fi akshin pilaaniin ni’ifooma jedhameetu eegama.

Torban ogummaawwan Afriikaa ajandaa Industirii fi ogummaa Afriikaaf ashaaraa qabatamaa kan kaa’u ta’uun ibsameera.

Torban ogummaawwan Afrikaa kan jalqabaa A.L.A Oktobar 2024 Gaanaa Akraatti gaggeeffamuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015