Tamsaasa Kallatti:

Irreechi waloomaa fi tumsa cimsuun guddina biyyaaf gumaacha olaanaa qaba

Fulbaana 22/2018(TOI)- Irreechi waloomaa fi tumsa cimsuun guddina biyyaaf gumaacha olaanaa akka qabusadarkaa itti aanaa kantiibaatti hoogganaan biiroo paabiliik Sarviisii fi qabeenya namaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dr. Jamaal Jambaruu ibsan.

Irreechi baranaa sadarkaa kutaa magaalaa Gullalleetti wiirtuu biqiltuu Gullalleetti agarsiisota aadaa garagaraan kabajameera.

Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Dr. Jamaal Jambaruu ummanni Oromoo ayyaana Irreechaa sira Gadaarraa dhaaleen tokkummaa fi waloomaan kan isa uume kan itti galateeffatudha.

Irreechi waltajjii walii tumsuu, walgargaarsaa fi tokkummaa fi nageenyaa waan ta’eef kan ummata Oromoo qofa osoo hintaane qabeenya waloo Itiyoophiyaanotaa ta’uu eeraniiru.

Ayyaanni Irreecha baranaa hidhi haaromsaa guddichi xumuuramee bariituusaa waan kabajamuuf hiikoo guddaa qaba jedhaniiru.

Ayyaanichi duudhaasaa eegee dammaqinaan akka kabajamu bulchiinsi magaalichaa, hooggansii fi jiraataan qindoominaan hojjechuun qophiin gahaan taasifamuu kaasaniiru.

Hojii raawwachiisaan muummee kutaa magaalaa Gullallee obbo Waldee Mogosee gamasaaniin, ayyaanni Irreechaa waltajjii , waliitumsaa, walgargaarsaa fi tokkummaa waan ta’eef qabeenya waloo Itiyoophiyaanotaa ta’uu eeraniiru.

Irreechi ayyaana nagaa, araaraa fi garaagarummaa malee hunda walitti fidu waan ta’eef kunuunsuun ittifufsiisuu barbaachisa jedhaniiru.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee hirmaattota ayyaana irreechaa simachuun ittigaafatama waloosaanii akka bahan waamicha tasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015