Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Irreechaa ayyaana walooma, obbolummaa fi tokkummaa sabdaneessummaa gabbisudha

Fulbaana 22/2018(TOI)- Ayyaanni Irreechaa ayyaana walooma, obbolummaa fi tokkummaa sabdaneessummaa gabbisu ta’uun ibsame.

Ayyaanni Irreechaa bara 2018 mata duree “Irreechi bayyanachuu biyyaaf” jedhuun hooggantoonni bulchiinsa magaalaa bakka argamanitti kutaa magaalaa Addis Katamaatti kabajameera.

Irreechi ayyaana galateeffannaa, sababa ganni seenuusaatiin namoonni gargar bahanii fi  walirraa fagaatan uumaasaaii ifa isaan agarsiiseef waloomaan kan itti galateeffatanidha.

Irreechi ayyaana nagaa fi tokkummaan ittii faarfamu, yeroo itti aanuuf hawwiin gaariin kan itti ifoomu, waloomni itti cimu ta’uun eerameera.

Mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinneetti itti waamamaan mootummaa Maashoo Olaanaa wayita kana,  irreechi ayyaana walitti hidhamiinsi ummattootaa itti cimu, waloomnii fi obbolummaan kan itti cimu ta’uu dubbataniiru.

Irreechi ayyaana guddina dinagdee fi baay’ina tuurizimii magaalichaaf qooda olaanaa bahu ta’uu eeraniiru.

Hojii raawwachiisaa muummeen kutaa magaalaa Addis katamaa Taarreqeny Warqinaa gamasaaniin, duudhaalee ayyaana  Irreechaa bayyanachuu biyyaa fi badhaadhina waliigalaaf oolchuun nimala jedhaniiru.

Hoogganaan waajjira damee paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Addis Katamaa obbo Zarihun Kormee Irreechi ayyaana tokkummaan sabdaneessummaa itti gabbatu ta’uu dubbataniiru.

Ayyaanni Irreechaa baranaa Fulbaana 24 bara 2018 Finfinnee Hora Finfinneetti  akka sumas Dilbta Fulbaana 24 bara 2018 Bishooftuu Hora Harsadeetti mata duree “Irreechi bayyanachuu biyyaaf” jedhuun kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015