Tamsaasa Kallatti:

Kabaja ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadeef qaamolee nageenyaa hedduun Teekinooloojiin deeggaraman bobbaasuun hojiitti galameera

Fulbaana 22/2018(TOI)-Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadeef qaamolee nageenyaa hedduun Teekinooloojiin deeggaraman bobbaasuun   hojiitti galuu beeksise.

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa odeeffannoo TOI’f ergeen akka beeksisetti , kabaja Ayyaana Irreechaa  Hora Finfinnee fi Hora Harsadee ilaalchisee dhaabbilee nagaa fi tasgabbii waliin Waajjira Muummichaatti  marii’ataniiru.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel maricharratti kallattii hojii kennaniin caasaaleen naga fi tasgabbii hawaasa waliin tumsuun  itti gaafatamummaasaanii sirnaan bahaa jiraachuu fi walii gala taateewwan darban guutuu biyyoolessaatti  karaa nagaa xumuramuusaanii ibsaniiru.

Fuulduratti Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadee nagaan akka kabajamaniif qaamolee nageenyaa hedduun Teekinooloojiin deeggaramuun bobba’uun  gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru.

Komishinar Jeneraalaaliin kun  itti fufuunis  nagaa fi tasgabbii ayyaanichaa kabachiisuuf   qaamoleen nageenyaa  hawaasa waliin hariiroo uumanii  hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Aadaa fi duudhaa irreechaan alatti haala kamiinuu ergaa walitti bu’insa kakaasu, meeshaa qara qabu,  kan dhuka’uu fi meeshaa boba’u qabatanii gara Ayyaanichi itti kabajamu dhufuun dhaquun fi  hirmaattonni ayyaanichaa caasaa nageenyaaf deeggarsa barbaachisaa  akka godan waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015