Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti Sagantaa Maaddii guutuun misooma nyaata beelladaaf xiyyeeffannoon kennameera

Fulbaana 22/2018(TOI)-Naannoo Harariitti Sagantaa maaddii guutuun hojiin rakkoo nyaata beelladaa furuuf dandeessisan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biroon Misooma Qonna Naannichaa beeksise.

Naannichatti rakkoowwan Sagantaa Maaddii Guutuun Misooma fi furdisa Beelladaarratti mudatan keessaa tokko hanqina nyaata beelladaati.

Qaamoleen damicharratti bobba’an hanqinni nyaata beelladaa isaan mudachaa akka ture Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Obbo Naasraddiin Ahimad TOI’f ibsaniiru.

Rakkinicha furuuf Biirichi Magaalichatti nyaata Beelladaa qindeessuu eegalchiisuu eeruun, gidduugalichi barattoota dhaabbilee barnootaa olaanoorraa eebifaman kudhaniif carraa hojii uumuusaa ibsaniiru.

Kan Nyaata Beelladaa qiqindeessu kun Nyaata Lukkuu fi horii barbaacha fagoo deemuun osoo hin barbaachisiin akaakuuwwan nyaata beelladaa gararagaa fayyaa fi nyaata beelladaaf mijataa ta’an qiqindeessee kan qopheessu ta’uu dubbataniru.

Gidduu galli qindeessa nyaata beelladaa magaalichatti dhaabbate dargaggoonni waldaan gurmaa’anii fayyadamoo carraa hojii akka ta’an godheera kan jedhan Qindeessaa Gidduugalichaa Ma’iruuf Ahimadi.

Gidduu galichi dhiheessii nyaata beelladaan naannicharra darbee aanaalee ollaaf raabsuuf akka dandeessisu dubbataniiru.

“Gidduugalichatti waldaan gurmoofnee qindeessa nyaata beelladaatti carraan hojii naaf uumameera, galiin argadhuun ofii fi maatii koo fayyadaan jira ” kan jette shamarree Keeraat Mahaammad, Keessumaa gidduu galichi hojii fooyya’aa akka hoojjetuuf qoodasaanii bahaa jiraachuu dubbatteetti.

Nyaata lukkuuf ta’u bishooftuurraa fichisiisuun hojisaanii akka hojjetan kan dubbatan sagantaa maaddii guutuun misooma killeerratti kan bobba’an Obbo Biraanuu Abarraa ti.

Yeroo ammaa mootummaan naannichaa Gidduugala Qindeessa lukkuu banee hojii eegaluunsaan dhiheenyatti nyaata beelladaa argachuu kan isaan dandeessisuu fi kanaanis dargaggoota kana waliin hojjechuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015