Godina Shawaa Lixaatti lafti heektaara kuma 31 fi 900 caalu misooma Ruuzii kilaastaraan hojjetanaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Lixaatti lafti heektaara kuma 31 fi 900 caalu misooma Ruuzii kilaastaraan hojjetanaa jira

Fulbaana 22/2018 (TOI)-Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaatti lafti heektaara kuma 31 fi 900 caalu misooma Ruuzii kilaastaraan hojjetanaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Itiyoophiyaa bakkeewwan garagaraatti akkaataa mijatummaasaatiin oomishaalee qonnaa baay’inaa fi qulqullinaan misoomaa jiraachuun nibeekama.
Haala Kanaan, misooma Kuduraa fi muduraa dabalatee hojiilee qonnaa birootiin misooma gaggeeffamaa jiruun oomishtummaan guddachaa dhufeera.
Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaatti misooma Ruuzii dabalatee hojiileen qonnaa biroon teeknooloojii qonnaan deeggaramee akaakuu fi baay’inaan misoomaa akka jiru ogeessi eegumsa midhaanii godinicha Dagguu Raggaasaa TOI’f ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni godinichaa garee misoomaan gurmaa’anii keessumaa misooma Ruuziirratti bifa qindaa’ee fi gurmaa’een misoomsaa akka jiran dubbataniiru.
Haala Kanaan godinichatti lafti heektaara kuma 31 fi 963kilaastaraan misoomaa akka jiru fi kanarraas oomisha kuntala kuma 954 caalu galchuun akka danda’amu himaniiru.
Misooma qonnaa naannoo Oromiyaatti inisheetiiviin misoomaa Bocameefii hojiitti galan keessaa misoomni Ruuzii tokko ta’uu kaasaniiru.
Aanaalee godinichaa Ada’aa Bargaa, Jalduu, Noonnoo, Daannoo, Iluu Galaan, Baakkoo, Ilfataa dabalatee bakkeewwan birootti Ruuziin misoomaa akka jiru kaasanii, cimee akka ittifufus mirkaneessaniiru.
Qonna baranaanis godinichatti qonnaan bultoonni kuma 16 fi 6oo ol misooma Ruuziirratti hirmaachaa akka jiran beekameera.