Qoodni Misoomni koriidaraa lammiileef hojii uumuun tuurizimii dadammaqsuu fi mala jireenyaa fooyyessuun bahachaa jiru olaanaadha- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Qoodni Misoomni koriidaraa lammiileef hojii uumuun tuurizimii dadammaqsuu fi mala jireenyaa fooyyessuun bahachaa jiru olaanaadha- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Fulbaana 22/2018(TOI)-Qoodni Misoomni koriidaraa lammiileef hojii uumuun tuurizimii dadammaqsuu fi mala jireenyaa fooyyessuun bahachaa jiru olaanaa ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Hojii misoomaa magaala Jigjigaa daawwataniiru.
Ministiri Muummee daawwannicha horofuun ibsa kennaniin yeroo dhihootti Jigjigaa Daawwatanii akka ture yaadachuun Jigjigaa amma argine Kanaan dura kan arginerraa baay’ee addadha jedhaniiru.
Magaalichatti daandii keessoo kiilomeetirii 60, daandii miilaa kiloo meetira 10 daandii bishkileetii kilomeetirii 10 akkasumas manneen harawaan kumatamaan lakkaa’aman ijaaramanii arguusaanii beeksisaniiru.
Akkasumas Magaalichatti bu’uuraaleen misoomaa ibsaa babal’achuu fi waggoottan muraasa darban fayyadamtoonni ibsaa dachaa afuriin guddachuu eeraniiru.
Misoomni Koriidaraa lammiileef carraa hojii uumuun Industirii Aara maleessa dadammaqsuun mala jireenya namootaa fooyyessuuf qoodni bahachaa jiru olaanaa dha jechuun ibsaniiru.
Jijiiramni Jigjigaatti argine kutaa baha biyya keenyaatti hojii abdii guddaa namaaf kennu dha kan jedhan Ministirri Muummee, waggoottan 15 yookiin 20 booda hawaasni hedduun magaala waan jiraatuuf hojiin magaala miidhagsuu barbaachisadha jedhaniiru.
Magaala yeroo ammayyeessinu ijoollee keenyaaf kan mijatuu fi kan madaalu hojjechaa jirra kan jedhan Ministirri Muummee, magaala karooraan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Magaalonni Pilaaniin hojjetamuu dhabuunsaanii madda rakkoo ta’uusaanii kaasuun, magaalaan kan barbaachisu tajaajila si’ataaf ta’uu ibsaniiru.
Hojiin Jigjigaa, Hararii fi Direedawaatti hojjetame kan argisiisu namoonni gara magaala tokkootii godaanuurra naannoosaaniitti aadaasaanii fi hundeeffama magaalaa haala tessuma lafasaanii gidduugaleeffate hordofatee , amala magaala tokkotti walitti qabamuu kan hir’isu ta’uu eeraniiru.
Nuuf kan wayyu kan nu barbaachisuu fi kan nufayyadu kan beeknu nuyi jechuun ibsanii, hojichi cimee akka itti fufuuf mirkaneessaniiru.