Gamtaan Afriikaa fi Ruusiyaan tumsa waloo qajeelfamarratti hundaa’e cimsuuf kutannoo akka qaban ibsan - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Afriikaa fi Ruusiyaan tumsa waloo qajeelfamarratti hundaa’e cimsuuf kutannoo akka qaban ibsan

Fulbaana 21/2018 (TOI)- Gamtaan Afriikaa fi Ruusiyaan tumsa waloo gamlamee fi gama hedduu qajeelfamarratti hundaa’e cimsuuf akka hojjetan beeksisan.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yuusuuf Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ruusiyaa fi bakka bu’aa gamtaa Afriikaa Iivgeevii Tarakhiin waajjirasaaniitti simatanii dubbisaniiru.
Mariinsaanii tumsa Afriikaa fi Ruusiyaa walgahii ministirootaa foramii tumsaa Ruusiyaa-Afriikaa lammaffaa baatii Sadaasaa 2018 tti gaggeeffamu dhimmoota qaxaanaa Saaheel irratti, nagaa kabachiisaa Somaaliyaa gamtaa Afriikaa fi inisheetiivota gabbisa dandeettiirratti kan xiyyeefatedha.
Gamtaan Afriikaa fi Ruusiyaan yaa’ii haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 30ffaa Biraazil Beellemitti gaggeeffamurratti sagalee waloo dhageessisuuf hojii qindoominaa cimsuuf waliigalaniiru.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yuusuuf Afriikaan mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomaniitti bakka bu’ummaa dhaabbataa akka argattu Ruusiyaan sagalee dhageessisuu dabalatee ajandaawwan Afriikaaf qajeelfamarratti hundooftee deeggarsa gochaa jirtu galateeffataniiru.
Ambaasaaddar Iivgeenii Terekhiin dura taa’aan komishinichaa yaa’ii walii gala dhaabbata mootummoota gamtoomanii 80ffaa irratti dhimmoota Afriikaa ijoo ta’an hubachiisuun fi bakka bu’ummaa Ardichi waltajjii addunyaarratti qabu guddisuuf hirmaannaa cimaa taasisan dinqisiifachuusaanii odeeffannoon TOI’n gamtaa Afriiikaarraa argate nimul’isa.