Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiilee misoomaa daawwachuuf Jigjigaa dhaqan

Fulbaana 21/2018 (TOI)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiilee misoomaa daawwachuuf magaalaa Jigjigaa dhaqaniiru.

Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee Giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo, itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah fi hooggantoonni mootummaa biroon Jigjigaa dhaqaniiru.

Turtiisaanii naannoo Somaaleetiin hojiilee misoomaa garagaraa akka daawwatan ni’eegama jedhamuusaa odeeffannoon waajjira ministira muummee mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015