Tamsaasa Kallatti:

Ayyaan Irreechaarratti hanqinni Geejjibaa akka hinmudanne qophiin barbaachisu godhameera-Ministeera Geejjibaa fi Lojistiksii

Fulbaana 21/2018 (TOI)-Ayyaana Irreechaarratti hanqinni Geejjibaa akka hinmudanne tajaajila geejjibaa gahaa dhiheessuuf qophiin taasifamuu Ministeerri Geejjibaa fi Lojistiksii ibse.

Tajaajila Geejjibaa ayyaana Irreechaa Sanbataa fi Dilbata dhufu kabajamu ilaalchisee ministeerri geejjibaa fi lojistiksii ibsa kenneera.

Gorsaan de’eetaa ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Asaffaa Haddis akka jedhanitti, ayyaana Irreechaa Fulbaana 24 fi 25 Finfinnee fi Bishooftuutti kabajamuuf qophiin barbaachisu taasifameera.

Ayyaanicha sababeeffachuun bu’aa bayiin geejjiba akka hin uumamne ejensii geejjiba Oromiyaa, biiroo geejjibaa Finfinnee fi Paabiliik Sarviisii akkasumas geejjiba Baaburaa Itiyoo Jibutii waliin qindaa’uun qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Keesumaa Irreecha Hora Harsadeetti kabajamuuf keessummoota Finfinneerraa Bishooftuu dhaqaniif buufattoota konkolaataa magaalattiitti argaman jaha keessatti tajaajilli geejjibaa gahaan qophaa’uusaa dubbataniiru.

Akkasumas toora Labuurraa amma Bishooftuutti baaburri hirmaattota ayyaanichaa geejjibsiisu qophaa’uusaa kaasanii, geejjibni Paabiliik sarviiziis Baabura biraan gahuuf konkolaattota 50 caalan ramaduusaa dubbataniiru.

Haala Kanaan Buufattoonni konkolaataa guddaa fi xiqqaa Finfinnee, Askoo, Ayyar Xeenaa, Qaallittii fi Laam-baratitti tajaajilli geejjibaa qophaa’eera jedhaniiru.

Buufattoota konkolaataan cinaatti bulchiinsa magaalaa Finfinnee bakkeewwan ka’umsaa garagaraa filatamanitti tajaajilli geejjibaa gahaan akka qophaa’es akkasuma.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015