Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni irreechaa waloomaa fi tokkummaakaraa cimsuun duudhaasaa eegee nikabajama-Gamtaa abbootii Gadaa Oromoo

Fulbaana 21/2018(TOI)- Ayyaanni irreechaa waloomaa fi tokkummaakaraa cimsuun duudhaasaa eegee akka kabajamu Gamtaan abbootii Gadaa Oromoo beeksisan.

Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadee baranaa ilaalchisuun miseensonni gamtaa abbootii Gadaa Oromoo Hora Harsadeetti ibsa waloo kennaniiru.

Abbootiin Gadaa misensa gamtichaa ibsa kennaniin ayyaanni Irreechaa ayyaana ummanni oromoo kan isa uumeef galata galchuu fi bara dhufu abdiin itti simatudha jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaa haaloo fi ijaa walbahuun dhabamee nagaa fi jaalalli kan itti ibsamu  akkasumas waloomnii fi tokkummaan kam itti cimu duudhaa biyyaa isa guddaadha jedhaniiru.

Keessumaa ayyaana Irreechaa baranaa kan adda isa godhu borumtaa ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumurametti kabajamuusaati jedhaniiru.

Kanaaf ayyaana Irreechaa baranaa haala fooyya’een akka kabajamu qaama dhimmi ilaalu waliin qindaa’uun qophiin ga’aan taasifamuusaa himaniiru.

Ayyaanichi ayyaana addababayii namoonni hedduun irratti argaman ta’uu eeranii, akkuma barame duudhaasaa gaarii calaqqisiisuun kabajamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hirmattonni ayyaanichaa aadaa fi duudhaansaa akka ajajutti marga jiidhaa fi abaaboo qabatani, uffannaa aadaan miidhaganii ayyaanicha akka miidhagsan waamicha dabarsaniiru.

Ayyaanichi ayyaana Itiyoophiyaanota hundaa waan ta’eef bayyanachuu biyyaaf faayidaa guddaa waan qabuuf saboonni, sablammoonnii fi lammiileen biyya alaallee akka irratti hirmaatan afeeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015