Nageenyi godina Gujii Lixaatti argame hojiileen misoomaa cimanii akka ittifufan godheera - ENA Afaan Oromoo
Nageenyi godina Gujii Lixaatti argame hojiileen misoomaa cimanii akka ittifufan godheera

Fulbaana 21/2018(TOI)- Nageenyi naannoo Oromiyaa godina Gujii Lixaatti argame hojiileen misoomaa cimanii akka ittifufan gochuusaaabbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa ibsan.
Hidhattoonni godinicha keessa socho’aa turan waamicha nagaa mootummaan taasise fudhatanii dhufuunsaaniitiin nagaa argameen hojii qonnaa dabalatee hojiilee misoomaa hundarratti kaka’umsa guddaa uumuunsaa ibsameera.
Nageenyaa naannichaa fi hojii misoomaa raawwatamaa jiru ilaalchisee agabaasaan TOI Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaa dubbiseera.
Abbootiin Gadaa fi Jaarsoliin biyyaa sirna Gadaa mallattoo Nagaa, Jaalalaa, fi Tokkummaa ta’e bu’uura godhachuun ijaa bahuu, haaloo, jibbiinsa dhiisuun, nageenya ijaaruun dirqama ta’uu ibsaniiru.
Kanaanis Godinichatti meeshaa waraanaa Hidhatanii bosona seenuun socha’aa kan turan duudhaasaa kabajanii fi waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii dhufuusaaniif galateeffataniiru.
Gareen Hidhatanii socho’aa turan hedduun hidhannosaanii hiikatanii gara jireenya nagaatti deebi’uun godinichatti nagaa fi tasgabbiin uumamuu fi hojiin misoomaa cimee itti fufuusaa dubbataniiru.
walitti bu’insi obboloota lamaan gidduutti ta’u injifataa hin qabu kan jedhan Abbaan Gadaa Gannaalee Aaagaa fi jaarsa biyyaa kan ta’an Odaa Goobanaa waamicha nageenyaa mootummaa fi hawwii nageenya hunda keenyaa fudhachuun hidhattoota dhufan galateeffataniiru.
Kanneen bosonatti hafan biroon yoo jiraatan caraa gaarii kanatti fayyadamuun hidhannoosaanii hiikuuni fi gara misoomaatti deebi’uun uummata keenya kiisuuf akka qophaa’an dhaamsa dabarsaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjirra Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Gujii Lixaa Ayyalaa Dhaabaa, godinichatti Hidhattoonni hedduun waamicha nageenya mootummaa fi Abbootii Gadaa fudhachuun hidhannoosaanii hiikkachuusaanii ibsaniiru.
Kanaanis Godinichatti nagaa fi tasgabbii amansiisaa uumamuun gama hundaan hojii misoomaa cimanii itti fufuusaanii mirkneessaniiru.
Godinichatti caasaalee gandaa hundatti tajaajilli mootummaa guutuun kennamaa jiraachuu fi Qonnaan bulaanis karaa guutuu ta’een hojii qonnaasaanii raawwachaa jiru jedhaniiru.
Fuuldurattis balballi nagaa mootummaa banaa ta’uu kaasuun walitti bu’insaa fi waraana dhiisuun misoomaa fi bayyanachuu biyyaa dhugoomsuuf wal tumsinee haa haojjennu jedhaniiru.