Quulqullinaa fi waliin gahiinsa barnootaa fi leenjii Afriikaa guddisuuf tumsa cimsuun nibarbaachisa - ENA Afaan Oromoo
Quulqullinaa fi waliin gahiinsa barnootaa fi leenjii Afriikaa guddisuuf tumsa cimsuun nibarbaachisa
Fulbaana 21/2018(TOI)- Quulqullinaa fi waliin gahiinsa barnootaa fi leenjii Afriikaa guddisuuf biyyoonni tumsa cimsuun akka barbaachisu ibsame.
Konfaransiin barumsa barsiisotaa biyyoota miseensa gamtaa Afriikaa Finfinneetti taa’amuu eegaleera.
Konfaransiin mata duree “sirna barumsa barsiisota Afriikaa jijjiiruu” jedhuun eehalame ministiroonni barnootaa biyyoota miseensa gamtichaa, bakka bu’oonni waldalee barsiisotaa, hayyoonni dameen dhuunfaa fi dhaabbilee hawaasa siviikii fi bakka bu’oonni tumsitoota misoomaa hirmaachaa jiru.
Afriikaan aadaa fi seenaan badhaatullee barnootaa fi leenjiin deeggaramuun guddina Ardichaaf bu’aa barbaadamu akka hindhufne ibsameera.
De’eetaan ministira barnootaa federaalaa Ayyalach Isheetee barumsi misooma qabeenya namaa fi dinagdeef qooda ijoo qaba jedhaniiru.
Afriikaatti misoomaa fi guddina barbaadamu fiduuf barnoota waliin gahuurratti hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Waggoottan Toorban darban Itiyoophiyaan qulqullinaa fi waliin gahiinsa barumsaa mirkaneessuuf riifoormiiwwan garagaraa hojiirra oolchuushee fi kanaanis bu’an argamuusaa kaasaniiru.
Dandeettii barsiisotaa gabbisuuf leenjiiwwan garagaraa kennuun hojiin fooyya’aan hojjetamuu de’eetaan ministiraa kun eeraniiru.
Akka Afriikaatti qulqullina barnootaa fi hanqina bariisotaarratti ammallee rakkoon hinfuramne akka jiru eeranii, rakkoo kana fulla’insaan furuuf biyyoonni miseensaa caalaatti tumsuu qabu jedhaniiru.
KOmishinii gamtaa Afriikaatti komishinariin barnootaa, saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshinii piroofeesar Mohaammad Beelhoosiin gamasaaniin, Afriikaatti dinagdee dijitaalaa ijaaruu fi saayinsii fi kalaqa caalaatti gabbisuuf dandeettii barsiisotaa guddisuun murteessaadha jedhan.
Dandeettii barsiisotaa cimsuuf inisheetiivonni garagaraa bocamanii hojeeffamaa jiraachuu ibsanii, karooronni misoomaa Afriikaa 2063 beekumsarratti hundaa’uun yoo hojeeffaman bu’a qabeessa ta’u jedhaniiru.
Dandeettii barsiiftonni Afriikaa addunyaarratti qaban guddisuuf teeknooloojii si’ataa fi jijijjiiramu waliin madaquun akka barbaachisu kaasaniiru.
Tarsiimoowwan haaraan garagaraa barsiiftotaa fi barumsa ilaallatan baniinsa konfaransichaarratti ifoomaniiru.