Godina Harargee Lixaatti qabeenyota albuudaa sirnaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Harargee Lixaatti qabeenyota albuudaa sirnaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon kennameera

Fulbaana 21/2018(TOI)- Godina Harargee Lixaatti qabeenyota albuudaa adda baasuun sirnaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffatamee hjjetamaa akka jiru waajjirri misooma qabeenya albuudaa godinichaa beeksise.
Bakka bu’aan hoogganaa waajjirichaa Ifaa Immaanaa TOI’f akka ibsanitti, aanaalee godinichaa 15 keessaa irra caalaa keessatti qabeenyonni Albuudaa akka jiran qorannoon mirkanaa’eera.
Kanneen keessaa cilee dhagaa, dhagaa gurraachaa fi adii, Dolomaayit akka keessatti argaman dubbataniiru.
Qabeenyota albuudaa sirnaan hojiirra oolchuuf qorannoon adda baasuun dureeyyii hawachuuf tattaaffiin godhamaa akka jiru himaniiru.
Godinicha aanaalee Ciroo, Xulloo, Gammachiis fi Shanan Dhugootti dureeyyiin jaha Albuuda baasuurratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Dureeyyiin 22 biroon aanaalee Daaroo Labuu, Gammachiis, Shanan Dhugoo fi Cirootti damee kanarratti hojjechuuf adeemsarra akka jiran dubbataniru.
Dargaggoonni kuma 12 caalan damee albuudaatiin Cirracha baasuu fi dameelee Albuudaa Biroorratti waldaan gurmaa’anii carraa hojiitti fayyadamuusaanii beeksisaniiru.
Dureeyyiin waggoottan darban eyyama fudhatanii hojii hojjetan namoota naannawaa 500 caalaniif carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumuusaanii himaniiru.
Aanaa Xullootti albuuda baasaa kanjiran Gazzaaheny Taaddasaa akka jdhanitti, carraa mijateefitti fayyadamuun eyyama Invastimantii fudhatanii hojii hojjechaa jiru.
Kaalshiyeem Kaarboneetii wal’aansa biyyoo asiidawaa, Saamunaa fi oomishaalee pilaastikiif oolu oomishaa akka jiran ibsaniiru.
Oomisha kana bal’inaan oomishuun gabaa biyya keessaaf dhiheessuuf karoorsanii hojjechaa jiraachuu ibsanii, haala Kanaan walitti hidhamiinsi gabaa cimaan akka godhamuuf gaafataniiru.
Hojii gaggeessaan warshaa dhagaa adii Mi’eessoo Adaanaa Hundee akka jedhanitti, waggaa tokkoo asitti qabeenyota Albuudaa godinichatti argamu fayyadamuun oomisha eegaluun magaalota garagaraaf dhiheessuu eegalaniiru.
Oomishaalee albuudaa galteef gargaaran sirnaan argachaa akka jiran ibsanii, baay’ina oomishaa guddisuun magaalaawwan Finfinnee, Adaamaa, Dirree Dawaa fi Hararitti baay’inaan dhuheessuuf hojjechaa akka jiran himaniiru.