Ayyaanni irreechaa gabaan uffannaa aadaa caalaatti akka dammaqu godheera - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni irreechaa gabaan uffannaa aadaa caalaatti akka dammaqu godheera

Fulbaana 21/2018(TOI)- Ayyaanni irreechaa gabaan uffannaa aadaa caalaatti akka dammaqu gochuun faayidaa dinagdee dabalataa argamsiisaafii akka jiru daldaltoonni uffannaa aadaa ibsan.
Ayyaana galateeffannaa kan ta’e irreechi Sanbata dhufu Finfinnee Hora Finfinneetti akkasumas Dilbata Bishooftuu Hora Harsadeetti nikabajama.
Irreechi agarsiiftuu sirna Gadaa isa tokko yoo ta’u ayyaana tokkummaa, obbolummaa fi waloomaati.
Kabaja ayyaana Irreechaa fi ayyaanota biroorratti uffannaa aadaa uffachuun oolee bulee guddachaa dhufeera.
Daldaltoonni uffannaa aadaa oomishanii fi daldalan TOI’f yaada kennanniin, uffannaa aadaa bakkeewwan garagaraa agarsiisan qopheessuun gabaaf dhiheessuusaanii ibsaniiru.
Kanneen uffannaa aadaa daldalan keessaa obbo Seeyifuu Fayyisaa akka jedhanitti, Irreechi ayyaana bu’aa hojiisaanii gabaaf dhiheessanii fi faayidaa itti argatanidha.
Saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni ayyaana Irreechaarratti waan hirmaataniif gabaansaanii ammuma sana akka guddatu gochuusaa dubbataniiru.
Dargaggoo Hundee Tolasaa gamasaatiin Irreechi faayidaa dinagdee guddaa akka isaaniif buusu eeree, uffannaa aadaa diizaayinii haaraan miidhagan Gabaaf dhiheessuusaa ibseera.
Uffannaa, Faayaa fi meeshaalee miidhagina ayyaanichaaf oolan kan itti gurguran adde Alam Warquu gamasaaniin, Irreechi hojiisaanii beeksisuu fi galiisaanii guddisuuf haala mijataa akka uumeef dubbataniiru.
Obbo Garramuu Leellisaa gamasaaniin, Irreechi uffannaa aadaa bal’inaan beeksisuun gamatti faayidaa dinagdee akka argamsiiseef ibsaniiru.
Obbo Alamaayyoo Taarikuu yaada kenneen uffannaa aadaa ayyaanaaf oolan qopheessee dhiheessuusaa ibsee, Irreechi carraa dinagdee guddaa akka uumeef dubbateera.
Adde Buzaayyoo Dajanee akka ibsanitti, uffannaa aadaa ayyaana irreechaarratti fayyadamuun guddachaa dhufuusaatiin carraa hojii uumuuf gumaacha taasiseera.