Tamsaasa Kallatti:

Buna qulqulluu gabaa alaaf dhiheessuun galii guddisuuf hojjetamaa jira

Fulbaana 20/2018(TOI)- Buna qulqulluu gabaa alaaf dhiheessuun galii damee kanarraa argamu xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru abbaan taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa beeksise.

Wiirtuun qorannoo fi sartafikeeshinii qulqullina Omisha bunaa har’a eebbifamee tajaajila kennuu eegaleera.

Daarektarri olaanaa abbaa Taayitaa Bunaa fi shaayee Itiyoophiyaa Dr. Addunyaa Dabalaa wayita kana akka jedhanitti, bara kana buna toonii 600 caalu gabaa alaaf dhiheessuuf galii damee kanarraa argamu guddisuuf galmi kaa’amee hojjetamaa jira.

Haala Kanaan wiirtuuwwan qulqullinaa fi sartifikeeshinii 12 ijaaruun qulqullina bunaa eeguun gabaa biyya alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Wiirtuun qorannoo fi sartafikeeshinii qulqullina bunaa Bulee Horaa har’a eebbifamee hojii eegale hojiilee kanneen keessaa tokko ta’uu eeranii, kunis godina Gujiitti Buna qulqulluu gabaa biyya alaaf dhiheessuuf tattaaffii taasifamu qooda olaanaa qabaata jedhaniiru.

Kanaa alattis qonnaan bultoonni buna oomishan oomishasaanii gatii fooyya’aan gabaa baasuun fayyadamaa akka ta’an deeggarsi taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Wiirtuun haaraa baname kun Bunni Gujii dhamdhamasaa uumamaa eeggatee gabaa jiddugalaaf akka dhihaatu qooda olaanaa akka qabaatu kan kaasan ammoo bulchaa godina GujiiLixaa Aduulaa Hirbaayeeti.

Wiirtuun kun bu’aa bayii dhuheessitootaa hir’isuun, carraa hojii uumuu fi sochii dinagdee magaalichaa dadammaqsuun humna dabalataa akka ta’us dabalanii ibsaniiru.

Waggaa darbe bunni toonii kuma 85 caalu gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuu kaasanii, hojii kana guddisuun bara kana kana caalaa dhiheessuuf tattaaffiin itti fufuu dubbataniiru.

Qonnaan bultoota Buna ergaa jiran keessaa Eliyaas Oda agamasaaniin, wiirtuun kun achitti banamuunsaa buna dhamdhama addaa qopheessuun galii fooyya’aa argachuuf tattaaffii gochaa jiran akka cimsu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015