Tamsaasa Kallatti:

Shaampiyoonsi Liigii Marsaa 15’f kan mo’ate  Riyaalmaadiriid tapha shaampiyoonsi liigiin kaayirati Almaatii waliin  nitaphata 

Fulbaana 20/2018(TOI)-Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaa marsaa lammaffaan Riyaal maadriid garee kaazakistan Kaayiraatii Almaatii waliin har’a nitaphata.

Taphni Kilabootaa lamaanii galgala sa’aatii 1fi daqiiqaa 45tti  Istaadiyeemii Artaalikitti nigaggeeffama.

Tapha jalqabaa Riyaalmaadiriid  Marseeyin  2 fi 1n  yoo Injifatu, Kaayirati Almaatii  ispoortingiin lizbeeniin  4 fi 1 mo’ameera.

Kilabiiwwan lameen shaampiyoonsi liigiin yoo wliin taphatan kun kan jalqabaati.

Injifataan Dorgommii yeroo marsaa 15ffaa RiyaalMaadiriid taphicha gaggeessuuf imala xiyyaaraa naannoo kilomeetirii kuma 7  kan taassise ijoo dubbii ta’eera.

 Imalichi Qophii qaamaa Taphattootaarratti dhiibbaa akka geessisu dubbatamaa jira.

Haaluma walfakkaatuun galgala sa’aatii 1 fi daqiiqaa 45tti kilabii Atilaantaa kilab Biruuj waliin nitaphatu.

Shaampiyoonsi Liigii Marsaa 15’f kan mo’ate  Riyaalmaadiriid tapha shaampiyoonsi liigiin kaayirati Almaatii waliin  nitaphata 

Galgala sa’aatii 4 irratti taphoonni 7 ni gaggeeffamu.

Chelsiin Benefiika, galatasarayi Liivarpuul,  paafos baayer muniik, Atileetikoomaadriid Intiraakit Firaankifart, Intermiilaan Silaaviyaa piraag, Marseey ayaakisi fi bodo gilimti  Totanihaam hotispersi waliin nitaphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015