Naannoo Harariitti hojiileen karoora bu’uureffatan bu’a qabeessummaan akka raawwataman nitaasifama-Bulchaa Ordiin Bardii - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti hojiileen karoora bu’uureffatan bu’a qabeessummaan akka raawwataman nitaasifama-Bulchaa Ordiin Bardii

Fulbaana 20/2018 (TOI)- Naannoo Harariitti hojiileen karoora bu’uureffatan raawwatamanii bu’aan fooyya’aan akka galmeeffamu xiyyeeffannoon taasifamuu Bulchaa naannichaa Ordiin Bardii ibsan.
Hojiirra oolmaan akkaawuntii dinagdee sadarkaa naannoo, sagantaa istaatistiikii Itiyoophiyaa fi misooma dijitaalaa akkasumas hooggansaa fi bulchiinsa pirojektoota misooma mootummaa ilaalchiseeb na
Naannoo Harariitti hojiileen karoora bu’uureffatan bu’a qabeessummaan akka raawwataman nitaasifama-Bulchaa Ordiin Bardii
annichaa fi ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa bakka argamanitti mariin gaggeeffamaa jira.
Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan fayyadama ummataa mirkaneessan caalaatti raawwachuuf karoora bu’uureffachuun hojii jabeessuun sirrii ta’a.
Keessumaa badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuun karoora qulqullina qabu qopheessuu fi karoora qophaa’e sirnaan raawwachuun bu’a qabeessummaa caaluuf nigargaara jedhaniiru.
Naannichatti hojii fooyya’aa fi bu’a qabeessa waloomaan raawwachuu fi bara bayyanachuu ittifufsiisuuf karooraan fayyadamuun faayidaansaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa gamasaaniin, bariituu jijjiiramaarraa eegalee dandeettiin pirojektoota bulchuu fi raawwachuu guddachuu kaasaniiru.
Fuulduras hojiileen akkaawuntii dinagdee sadarkaa naannoo, sagantaa Istaatistiiksii Itiyoophiyaa fi misooma dijitaalaa ilaalchisee eegalaman cimsuun naannoleetti gadi buusuun dinagdee dorgomaa uumuuf akka hojjetamu dubbataniiru.
Kanaaf ammoo ministeerichi naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin qindoominaan akka hojjetu ibsaniiru.
Yeroo ammaa barreeffamoonni garagaraa dhihaatanii mariin taasifamaa jira.