Waancaan Itiyoophiyaa Onkloolessa 9 eegala - ENA Afaan Oromoo
Waancaan Itiyoophiyaa Onkloolessa 9 eegala

Fulbaana 20/2018(TOI)-Waancaan Itiyoophiyaa bara 2018 Onkoloolessa 9 bara 2018 akka eegalu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksise.
Dorgommii Marsaa jalqabaa Onkoloolessa 9 hanga 11 bara 2018tti gaggeeffamurratti gareen Liigii Olaanoon nihirmaatu.
Gareen kun Magaalota Dorgommii Marsaa keessatti gaggeeffamanitti ramaddiisaaniin tapha walii gaggeessuun gareen injifatan marsaa lammaffaan piriimer liigii Itiyoophiyaa waliin walitti makamanii akka taphatan federeeshinichi hubachiiseera.
Walaayitaa Diichaan yeroo kana garee Waancaa Itiyoophiyaa injifatedha.