Irreechi Waltajjii walitti hidhaminsa hawasummaa cimsu ta’aa dhufeera - ENA Afaan Oromoo
Irreechi Waltajjii walitti hidhaminsa hawasummaa cimsu ta’aa dhufeera

Fulbaana 20/2018(TOI)-Ayyaanni Irreechaa Waltajjii walitti hidhaminsa hawasummaa cimsu keessaa tokko ta’aa dhufuu Itti Gaafatamaan Biiroo Komunikeeshiinii Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa dubbatan.
Waltajjiin “Gumii balal” ayyaana Irreechaa barana kabajamurratti xiyyeeffate mata turee “Irreechi Bayyanachuu Biyyaaf” jedhuu walta’insa waajjira pirezidaantii fi biiroo komunikeeshinii naannichaan qophaa’e mariin ayyaana irreechaarratti xiyyeefate gaggeeffamaa jira.
Waltajjii marii kanarratti Itti Gaafatamaan Biiroo Koomunikeeshinii Naannichaa Obbo Haayiluu Addunyaa, Itti Gaafatamtuu Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannichaa Aadde Jamiilaa Simbiruu, Abbootii Gadaa, Haadholii siinqee fi Hayyoonni argamaniiru.
Waltajjii marii kana kan saaqan obbo Haayiluun akka jedhanitti qaama Sirna Gadaa keessa tokko kan ta’e Irreechi uummata oromoo biratti ayyaana bal’inaan kabajamudha.
Ayyaanichi uummanni garaa garummaa tokko malee tokkummaan bahee dukkana baatiilee gannaa keessaa bahee uumaasaaf galata kan dhiheessu ta’uu kaasaniiru.
Kana qofa osoo hin ta’iin, Ayyanichi Jalaala, tokummaa, Nageenya kan ibsu ta’ee abdiin boruu kan itti kan keessatti mul’atu ta’uu dubbataniiru.
Irrechi Duudhalee gaggaarii hedduu qabaachuu kan kaasan Obbo Haayiluun, Irreechi waltajjii walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsu ta’aa dhufeera jedhaniiru.
Kana waan ta’eef dhaloonni yeroo ammaa duudhaalee gaarii hawaasummaa Irreecha fakkaatan eeguu fi guddisuu qabu jedhaniiru.
Hayyoonni Damichaa maalummaa irreechaa fi agarsiiftuu sirrii qorannoo fi qo’annoon deeggaruun beeksisuu fi hubachiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Waltajjicharratti barreffama marii kan dhiheessan Yuunvarsiitii Arsiitti Barsiisaa Gadaa kan ta’an Dr.Mahaammad Namoo Irreechi Ayyaana Obbolummaa fi obboleettummaa cimsudha jedhaniiru.
Namni Ayyana Irreechaarratti hirmatu kamiyyuu Haloo fi ijaa bahuurraa qulqullaa’ee, haala nagaa fi wal amantaa jabeesseen ta’uu qaba jedhaniiru.
Ayyaanonni Irreecha fakkaatan ijaarsa biyyaa fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf faayidaan qaban guddaa ta’uu kaasaniiru.
Ayyaanni Irreechaa bara kanaa Sanbataa fi Dilbata fuuldura keenyaa Hora Finfinnee fi Hora harsadeetti akka kabajamu ni beekama.